Ergaa Phaawuloos Gara worra Qorontoosii Erge ka 1ffaa 12 - WAADAA LAMMATAA

Kennaa Ayyaana Woyyu'uu

1 14:1 Obboleeyyan tiyya! Waan Ayyaana Woyyu'uu akka beettan fedha.

2Imbaaqoomii Raatticha 2:18-19 Akkuma hennaa worra Yihuudota hin taane turtan, gara waaqa tolfamaa laagaa hin qabnee masakkama'aa turuu keessan hin beettan.

3Mar. 9:39; Yoh. 13:13; Yoh. 1ffaa 4:2-3 Kanaafuu eennullee Ayyaana Rabbiitiin yoo dubbatu, Yesuus ka abaarame ka jedhu tokkollee akka hin jirre; Ayyaana Woyyu'uun yoo ta'e malee, «Yesuus Goofta'a» jechuu tokkollee akka hin dandenne isin beessisa.

4 12:11; Rom. 12:6-8; Efe. 4:4 Kennaan badhaadhaa adda adda, Ayyaanni ammoo tokko.

58:6; Efe. 4:11 Tajaajillillee adda adda, Gooftaan tokko.

6Efe. 4:6 Akkaataan hujii isaallee adda adda, Rabbiin maraa godhu ammoo tokko.

714:26; Efe. 4:12 Haata'uu ammoo kennaan Ayyaanaa ka nama maraa keessatti mudhatu bu'aa nama maraatiif kennama.

813:2 Tokkoo ogummaa dubbachuu Ayyaanaan kennamaaf; tokkoollee Ayyaanuma saniin beekkomsaan dubbachuun kennamaaf.

9Tokkoo Ayyaanuma saniin amantaa, tokkoollee Ayyaanuma tokko saniin kennaa fayyisu'uu,

1013:1-2; 14:1, 5, 24, 29; Hu. Er. 2:4; Yoh. 1ffaa 4:1 Tokkoo maalalee godhuu'u, tokkoollee raaga dubbachuu, tokkoo ayyaana hamaa adda baasuu, tokkoollee laagaa adda addaa dubbachuu, tokkoo ka laagaa addaatiin dubbatame hiikuun kennamaaf.

11Rom. 12:3; Efe. 4:7 Kana maraa ammoo Ayyaanni tokko sun akka fedha ufiititti qooda'aa hojjata.

Nafti Tokko Qaama Adda Addaa Qaba

12 10:17; Rom. 12:4-5 Akkuma nafti tokko qaama heddu qabu, qaamoon nafaa martinuu uduu heddu ta'aniiran, qaama tokko akka ta'an; Kiristoosillee akkasuma.

13Gal. 3:28 Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu martinuu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf, nu martinuu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra.

14Nafti qaama heddu malee, qaama tokko waan hin taaneef.

15Lutti harkaan, «Ani harka miti, qaama nafaatiillee miti» yoo jettee; akkas jette'eef kutaa nafaa ta'uun isi'ii hin hafaa?

16Gurrillee ani ija waan hin taaneef, qaama nafaatii miti uduu jedhee, kana jedhe'eef kutaa nafaa ta'uun isaa hin hafaa?

17Nafti maruu uduu ija ta'ee, silaa dhagayuun eessa jira? Maruu uduu gurra ta'ee, silaa maali'iin ulanna?

1815:38 Amma ammoo Rabbi akka fedha ufiititti qaamoolee san adduma addaan nafa irra godheera.

19Maruu uduu qaama tokko ta'ee, nafti silaa eessaa argamaa?

20Haata'uu ammoo amma qaamooleen hedduu, nafti ammoo tokko.

21Ijji harkaan na hin barbaachiftu jechuu hin dandeettu yookiin mataan akkasuma lukaan na hin barbaachiftan jechuu hin danda'u.

22Haata'uu ammoo qaamni namaa ka dadhabaa fakkaatan nafa caalaa barbaachisan.

23Qaamoolee nafaa worra hin kabajjamne ka nutti fakkaatan, ulfinna caalu isaanitti uwwifna. Qaama keenna ka ittiin saalfannu ammoo ulfinnatu isaanii eda'ama.

24-25Qaamooleen keenna ka ulfinna qaban ammoo, isaan hin barbaachisu. Haata'uu ammoo qaamooleen ufii sirri'itti akka wolii yaadaniif malee, nafaan akka gargar hin baaneef qaama kanniinii waan hanqate ulfinna caalu kenna'aati Rabbi akkanaan nafa wolitti qamashe.

26Rom. 12:15 Qaamni tokkollee uduu rakkatee qaamni maruu isa woliin rakkatan, qaamni tokko yoo ulfinna argate qaamni maruu isa woliin gammada.

27 Rom. 12:5; Efe. 5:30 Isinillee nafa Kiristoosiiti, marti keessanuu qaama isaa ti.

2812:8-10; Efe. 4:11-12 Rabbillee woldaa Kiristaanaatitti dursee ergamoota, lammaffaa raattota, sadaffaa Barsiisota, maalalee godhuu, kennaa fayyisu'u, gargaarsa, bulchiinsaa fi laagaa adda addaa kenneera.

29Maruu ergamootaa? Maruu raattotaa? Maruu barsiisotaa? Maruu maalalee hujanii?

30Maruu keennaa fayyisu'u qabanii? Martinuu laagaa addaatiin dubbatanii? Maruu hin hiikanii?

3114:1 Haata'uu ammoo kennaa badhaadhumma'aa ka maraa caalu jabaadha'aa barbaadaa'a. Akkasuma karaa waa maraa caalu isinitti mudhisa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help