Mudhata Yohaannisii 1 - WAADAA LAMMATAA

1 22:6-7; Daani'eelii Raatticha 2:28-29 Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.

2Innillee dubbii Rabbiitiif waan Yesuus Kiristoosii waan arge maraa rage.

322:7, 10; Luq. 11:28 Barri waan dhiyaateeruuf, worri dubbii raagaa kana dubbisan, dhagayaniif worri waan isa keessatti barreeffame eegan eebbifamtoota.

Nagaya Woldaa Kiristaanaa Torbaaf Ergame

4-5 Mudh. Yoh. 4:5 Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u.

Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,

6Mudh. Yoh. 5:10 Rabbii Abbaa isaatii akka hojjannuuf jeennata Abbaa isaatii gadicha akka taanu nu taasisee, baraa haga bara baraa ulfinninii fi hunni isaa haa ta'u! Amiin.

7 Daani'eelii Raatticha 7:13; Mat. 24:30; Mar. 13:26; Luq. 21:27; Tas. 1ffaa 4:17; Zakkaariyaasii Raatticha 12:10; Yoh. 19:34, 37 Inni duumeessaan dhufa,

ijji maruu isa argiti,

worri isa woraanellee hin argan.

Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan.

Ee! Akkasuma ta'a. Amiin.

8 Mudh. Yoh. 22:13 Ka jiru, ka ture, ka dhufu, ka maraa danda'u Waandhi Gooftaan, «Alfa'aa fi Oomeegaan Ana» jedha.

Yesuus Manaaban mudhate

9Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.

10Ani guyyaa Goofta'aa Ayyaana Rabbiitiin guuttamee ture, laagaa guddaa xurumbaa fakkaatu uf duubatti dhagaye.

11Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.

12 Seera Bawu'uu 25:37; Zakkaariyaasii Raatticha 4:2 Laagaa natti dubbatu argu'uuf uf irra midhadhe;

132:1; 14:14; Daani'eelii Raatticha 7:13; 10:5-6 Baattota ibsaa Worqi'ii torba arge. Baattota wodhakka'atti waan ilma namaa fakkaatu arge, innillee uffata dheeraa haga lukaa gawu uffatee sibiila worqi'ii qomatti hidhateera.

142:18; 19:12; Daani'eelii Raatticha 7:9 Inninii fi rifeensi mataa isaa akka rifeensa hoolaa adi'ii akka barada'aa, ijji isaallee akka arraba ibiddaati.

1510:1; Daani'eelii Raatticha 10:6; Hisqeelii Raatticha 1:24; 43:2 Lutti isaa waan akka sibiila ibiddaa keessatti diimeeffame fakkaata. Laagaan isaallee akka laagaa bisaan gudda'aati.

161:20; 2:12; 19:15; Mat. 17:2 Harka isaa ka mirgaa irraa urjoota torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya. Fulli isaallee akka aduu guddiftee iftuutti.

17 Mudh. Yoh. 2:8; 22:13 Hennaa isa arge ani akka nama du'e ta'ee luka isaa jalatti kufe. Harka mirgaa narra kaayee akkana naan jedhe.

18Hin sodaatin, ka duraatiif ka dhumaa jiraataan ana. Du'ee ture, kunoo baraa haga bara baraa ani jiraata'a, furtuu du'aatii fi ka asaabaallee hin qaba.

19Eeganaa ka argite, ka amma jiru ka asiin maayii ta'u'uuf ta'ullee barreessi.

20Hiikkaan dhossaa urjii torbaatiif baattuu Worqi'ii ka harka kiyya ka mirgaa irratti argite kana. Urjiin torban Maleekkaa woldaa Kiristaana torbaati. Baattuun Worqii torbanii tokkummaa woldoota Kiristaana torbaati.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help