1 10:1; Hisqeelii Raatticha 43:2 Kanaan maayii Maleekkaa biraa ka baallii guddaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge. Sababaa ulfinna isaatiin lafti ifte.
2 14:8; Isaayyaasii Raatticha 21:9; 34:11-15; 13:21; Ermiyaasii Raatticha 50:39; 51:8 Laagaa gudda'aan,
«Baabilooniin guddittiin kufte! kufte!
hulee jinniin jiraatu taate, hulee ayyaanni baatti'ii marti itti irkatan ayyaanoonni hamaaniif
ka simbirroonni jibbaman maruu
itti irkatan taate.
3 Isaayyaasii Raatticha 23:17; Ermiyaasii Raatticha 51:7 Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa
seebaruu isi'iitiif kufaniiran
mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran;
daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin,
dureeyyii ta'an» jedhee iyye.
4 Isaayyaasii Raatticha 48:20; Ermiyaasii Raatticha 50:8; 51:6, 45; Qor. 2ffaa 6:17 Sami'ii laagaa biraa ka akkana jedhu dhagaye;
Banii kiyya!
Cubbuu isi'iitiin wolii gala'aa,
balaa isi'ii akka hin fudhanne,
isii keessaa bayaa'a!
5 Seera Uumamaa 18:20-21; Ermiyaasii Raatticha 51:9 Cubbuun isi'ii haga sami'ii waan gayeef,
Rabbi hammeenna isi'ii yaade.
6 Kitaaba Faarfanna'aa 137:8; Ermiyaasii Raatticha 50:15, 29 Haguma isiin kenniteen gatii isi'ii deebisaaf,
Akkuma hujii isi'iitiin;
dachaa lamaa godha'aatii
mijuu isiin wolitti matte
dachaa lamaa godha'aatii bulbulaa'a!
7 Isaayyaasii Raatticha 47:7-8 Haguma isiin uf kabajjiteef haga uf boonsiteen
miidha'aa fi gadda isi'ii kennaa'a.
Onnee isi'ii keessatti, «Ani mootittii ta'ee jiraadha,
haadha hiyyeessaa hin ta'u,
horomaa hin gaddu» waan jetteef.
8Kanaafuu balaan hedduu,
duutii, gaddinii fi beelli,
guyyaa tokkoon isii irra hin gaya.
Waandhi Gooftaan isi'itti murteessu jabaa waan ta'eef,
ibiddaan gubatti.
9 17:2; Hisqeelii Raatticha 26:16-17 «Mootonni adunyaa tanaa ka isii woliin seebaraniif isii woliin boonan, aara hennaa isiin gubbattu aaru arganii waan isi'iitiif banne banne jedha'aa booyan.
10Ati Baabiloonii qachaa gudditti'ii jabduu si hobbaasi! murtiin kee sa'aatii tokko keessa waan sirra gayuuf» jedha'aa qaaqan.
11 Hisqeelii Raatticha 27:27-36 Fe'aa markaba isaanii ammaa achi namni bitu waan hin jirreef, daldaltoonni lafa irraa booya'aa gaddaniif.
12Hisqeelii Raatticha 27:12-24 Fe'aan sunillee worqi'ii fi birri'ii, dhagaa gatii gudda'aa waan gatii gudda'aa uffata fuutta'aa, diimaa dhiilgee, dhiilgee muka urgaayu maraa mi'a ilkaan arbaa irraa hojjatame maraa muka gatii gudda'aa naasii sibiilaa mi'a dhagaa adii irraa hojjatame mara,
13Qarafaa, waan waa mi'eessu, Urgoo, dhadhaa'a, hixaana, daadhii woyini'ii, Zayitii'i, daakuu sukkuumamte, qamadii, loon, hoolaa'a, farda, gaarii fardaa, garbootaa fi namoota mara.
14«Daraaraan ati dharraate si bira lufeera. Wonti si boonsuu fi ka si qandhafsiisu martuu si jalaa badeera; ammaa achi namoonnillee sirima isaan hin argatan»
15-16Hisqeelii Raatticha 27:31, 36 Worri Kanniin daldalan ka isi'iin dureeyyii ta'an, gadda'aa booyaa'a.
17 Isaayyaasii Raatticha 23:14; Hisqeelii Raatticha 27:26-30 Qachaa guddoo uffata haphii fuuttaa'a, uffata dhiilgee diimaa uffattee, worqi'ii fi dhagaa gatii guddaa waan gatii guddaa badhaafamteef isi'ii hobbaasi! isi'ii hobbaasi!
durummaan hagana gayu sa'aatii tokko keessa waan badeef jedha'aa dhaabatan.
Worri markaba ofuu fi worri markabaan hulee maraa deemu maruu, worri markabaa, worri galaana irraa fayyadaman maruu fagoo dhaabatan.
18Hisqeelii Raatticha 27:32 Hennaa isiin gubattu Aara isi'ii arganii, «Qachaan qachaa guddittii san fakkaatu eessa jira?» jedha'aa iyyan.
19Hisqeelii Raatticha 27:30-34 Daaraa uf irratti firfirsanii gaddanii booya'aa,
«Qachattii guddoo,
durummaa isi'itiin worra galaana irraa,
markabaan dureeyyii gootee bille'e!, bille'e! sa'aatii tokkotti badde» jedha'aa iyyan.
20 12:12; Seera Keessa deebi'ii 32:43; Ermiyaasii Raatticha 51:48 «Sami'ii,
woyyoota,
ergamtootaa fi raattota isi'itti gammadaa'a!
Rabbi waan isinii murteesseeruuf»
21 Ermiyaasii Raatticha 51:63-64; Hisqeelii Raatticha 26:21 Maleekkaan jabaan tokko dhagaa guddaa haga baaburaa gawu ol fuudhee akkana jedhe,
gara galaanaa darbe;
«Qachaan Baabiloonii guddittiin akkanatti dhiibamtee kufti;
ammaa achi sirima hin argamtu.
22 Isaayyaasii Raatticha 24:8; Hisqeelii Raatticha 26:13 Worri dibbee dhayanii fi laagaa faarfatu meeshaa laagaa adda addaa qabu;
laagaan finge'eetii fi xurumbaa afuufamu
ammaa achi sirimaa si keessatti hin dhagayamu.
ogummaan harkaa marti ogeessi tokkollee
amma achii si keessatti sirima hin argamu,
laagaan baaburaa,
ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu;
23 Ermiyaasii Raatticha 7:34; 25:10; Isaayyaasii Raatticha 23:8 Ifti ibsa'aallee,
ammaa achi si keessatti sirima hin ifu;
Laagaan idaayya'aatiif idaayiitti'ii
ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu.
Daldaltoonni teellee'e,
bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif,
asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu,
waan dogoggoraniiraniif.
24 17:6; Ermiyaasii Raatticha 51:49; Mat. 23:35-37 Isii keessa dhiinni raattotaatii fi
woyyootaa,
dhiinni worra lafarratti goorra'amee maruu,
isii keessatti argameera.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.