1 7:58; 11:19 Guyyaa san woldaa Kiristaanaa ta Yeruusaalem jirtutti baqa gudda'atu ta'e. Eergamtoota malee maruu gara Yihuuda'aatii fi gara biyya Samaariya'aa faca'an.
2Namoonni Rabbiin faateffachu'uun jabaatan, Isxifaanoosii guddisanii booya'aa awwaalan.
39:1; 22:4-5; 26:9-11 Saa'ol ammoo woldaa Kiristaanaa diiga'aa ture. Mana maraa seena'aa dhiiraa fi dubartootallee harkisa'aa gara mana hidha'aatitti dabarsa'aa isaan kenna'aa ture.
4Worri faca'an dubbii lallaba'aa deeman.
5Filiphoosillee gara qachaa Samaariya'aa dhaqee waan Kiristoosii isaanitti lallabe.
6Baniinillee dubbii Filiphoosii hennaa dhagayaniif malkata inni godhe hennaa argan; waan inni jedhe yaada tokkoon dhagayaniin.
7Mar. 6:7; 16:17 Ayyaanni hamaan laagaa gudda'aan iyya'aa namoota heddu keessaa baya'aa waan tureef naafatan hedduu fi worri hokkolullee hin fayyan.
8Qachaa san keessatti gammachuu gudda'atu ta'e.
9Namni Simoon jedhamu tokko ammoo ani gudda'a jedhee moraa namoota Samaariya'aa nama maalalchiisa'aa qachaa san keessa jiraate.
10Namoota didiqqaa irraa jalqabee haga namoota gugurda'aa hunni Rabbii kana jedha'aa martinuu isa caqasan.
11Bara dheeraa irraa jalqabee waan moru'uun isaan maalalchiiseef isa jalaa caqasan.
12Mat. 28:19 Haata'uu ammoo waan jeennata Rabbiitii fi waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti lallabe. Isaallee hennaa waan Filiphoos jedhe dhagayan dhiirtinii fi dubartiinillee amananii cuuphaman.
13Simoonillee akkasuma amanee cuuphamee Filiphosiin wol ta'e. Hennaa malkataa fi maalaleen guddaan ta'e argee ajaa'ibsiifate.
14Ergamoonni Yerusaalem jiran namoonni Samaariya'aa dubbii Rabbii akka fudhatan dhagayanii Pheexroosii fi Yohaannisiin isaanii ergan.
15Isaanillee hennaa gara isaanii dhaqan akka Ayyaana Woyyuu argataniif Rabbiin isaanii kadhatan.
16Maqaa Gooftaa Yesuusiitiin cuuphaman malee, isaan keessaa tokko irrattillee Ayyaanni Woyyuun waan hin buuneef.
1719:6 Hennaa san harka ufii isaan irra kaayanii Ayyaana Woyyu'uun guuttaman.
18Simoonillee harka nama irra kaayuu ergamootaatiin Ayyaanni Woyyuun akka kennamu haga arge, birrii isaanii fideefii,
19«Ka ani harka irra kaayu maruu Ayyaana Woyyu'uun akka guuttamu naallee baalli kana naa kennaa'a» jedhe.
20Pheexroos ammoo akkana jedheen; «Kennaa Rabbii birri'iin argatuu waan yaaddeef birriin kee si woliin haa badu.
21Garaan kee Rabbiin afo'otti qajeelaa waan hin taaneef waan kana irraa hiree yookiin gayee hin qabdu.
22Eegaasuu badooma kee kanaaf agii gali maal laataa yaada garaa keetii yoo ka sii dhiisu ta'e Rabbiin kadhadhu.
23Seera Keessa deebi'ii 29:18 Summii hadhaaya'aa fi hammeenna keessa akka jirtu waan arga'aaruuf.»
24Simoonillee deebisee, «Wonti hamaan kun tokkollee akka narra hin geenne isinumti Gooftaa naa kadhadhaa'a» isaaniin jedhe.
25Isaanillee haga raganii fi dubbii Goofta'allee haga himaniin maayessa gara Yerusaaleemii deebi'an; Samaariya'attillee ganda hedduu keessatti Oduu Nagayaa lallaban.
Filiphoosii Fi Namicha Qaama Hormaataa Hin Qabne26Maleekkaan Goofta'aa Filiphoosiin, «Ka'iitii gara bita'aatitti gara karaa Yerusaalemii gammoojjii gaaza'aatitti gadi geessu dhaqi» jedheen. Innillee ka'ee deeme.
27Namichi qaama hormaataa hin qabne ajajaan hojjatootaa mootittii Itoophiya'aa ta «Hindakee» jedhamtu, ka qabeenna isi'ii horatu namni kun sagadu'uuf gara Yeruusaalemii deeme.
28Achii yoo deebi'uu gaarii fardaan harkifamu irra taa'ee Kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisa'aa ture.
29Ayyaanni Woyyuun Filiphoosiin, «Gara gaarii fardaan harkifamu kanaa siiqiitii wol gayi» jedheen.
30Filiphoosillee gara isaa hennaa fiige; uduu inni Kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisu dhagayee, «Waan dubbisa'aartu kana hubattaa?» jedheen.
31Innillee, «Uduu nama naa ibsu hin arganne attamitti naa gala ree?» jedheen. Akka Filiphoos gaarii fardaa irra bayee isa woliin akka taa'u isa kadhate.
32 Isaayyaasii Raatticha 53:7-8 Huleen inni barreeffama kutaa kitaabaa keessaa dubbisa'aa ture sun,
«Inni akka hoolaa qalamu'uuf oofama'aartuu,
akka ilmoolee hoola'aa hennaa namni rifeensa isii irraa muru akkuma cadhiftu
Innillee akkasuma waan tokkollee hin dubbanne.
33Inni uf salphise; murtiin dhuga'aa hin kennamneef. Jireenni isaa lafarraa waan fudhatameeruuf, eennutu dhala isaatitti himuu danda'aree?»
34Namichi qaama hormaataa hin qabne sunillee Filiphoositti deebisee, «Yaboo si wogee raattichi waan eennuu dubbata? Waan ufiiti moo waan nama biraati?» jedheen.
35Filiphoosillee afaan baqaffatee kitaaba kana irraa jalaqabee waan Oduu Nagayaa ka Yesuusii itti hime.
3610:47 Karaa irra uduu deeman gara bisaanii gayan. Namichi qaama hormaataa hin qabne, «Ani amma bisaaniin akka hin cuuphamnee wonti na dhooggu maali'i?» jedheen.
37Filiphoosillee, «Garaa kee guutu'uun yoo amante hin danda'ama» jedheen. Ammallee, «Yesuus Kiristoos Ilma Rabbii akka ta'e hin amana» jedhe.
38Gaariin fardaan harkifamu akka dhaabatu ajajee, namichi qaama hormaataa hin qabnee fi Filiphoos gara bisaanii bu'an. Innillee hin cuupheen.
39Mootota 1ffaa 18:12 Bisaan keessaa haga bayaniin maayessa Ayyaanni Goofta'aa Filiphoosiin hin fudhateen. Namichi qaama hormaataa hin qabne deebi'ee isa hin argine; gammada'aa karaa ufii deeme.
4021:8 Filiphoos ammoo Azaaxoonitti argame. Haga Qisaariya'aallee dhaqu'uuf deddeebi'atti qachaa marattuu Oduu Nagayaa lallabe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.