1-2 1:11-12; Tit. 1:3 Ani Phaawuloos ka namootaan uduu hin taane Rabbii Abbaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin du'oota keessaa kaaseen ka ergamee fi obboleeyyan na woliin jiran maraa irraa woldaa Kiristaanaa ta galaatiya'aatiif,
3Rom. 1:7; Qor. 1ffaa 1:3; Filph. 1:3 Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageennillee isinii haa ta'u!
4 2:20; Mat. 20:28; Efe. 5:2; Xim. 1ffaa 2:6; Tit. 2:14; Yoh. 1ffaa 5:19 Akka fedha Rabbii abbaa keennaatitti bara hamaa kana keessa nu fayyisu'uuf jedhee, Kiristoos waan cubbuu keennaatiif dabarsee uf kenne.
5Xim. 2ffaa 4:18 Baraa haga bara baraatitti Aabba'aaf ulfinni haata'u! Amiin.
Oduun Nagayaa ka Dhuga'aa Tokko6 5:8; Qor. 2ffaa 11:4 Ka badhaadha Kiristoosiitiin isin waame irraa gara galtanii gara Oduu Nagayaa ka biraatitti ariifatannii deebi'uun keessan na maalalchiisa.
75:10; Hu. Er. 15:1, 24 Akkana jechuun Oduun Nagayaa ka biraa hin jira jechu'uu miti. Ta'ullee worri Oduu Nagayaa Kiristoosii irraa isin raasu'uu fi isin dabsuu barbaadan namoonni tokko tokko hin jiran.
8Qor. 1ffaa 16:22; Qor. 2ffaa 11:4 Haata'uu ammoo nullee yoo ta'e yookiin maleekkaan sami'ii Oduu Nagayaa nu isinitti lallabne irraa ka adda ta'e, yoo isinitti hime ka abaarame haata'u!
9 Xim. 1ffaa 6:3 Dursinee akkuma dubbanne akkasuma ammallee irra deebi'ee dubbadha; ka fudhattan irra waan adda ta'e eennullee yoo isinitti hime, inni ka abaarame haata'u!
10 Tas. 1ffaa 2:4 Ani amma nama biratti fudhatama argachuu barbaada mo'o? Rabbiin biratti? Amma yoo nama gammachiisa ta'e, ani garbicha Kiristoosiitii miti.
Ergamaa Ta'uu Phaawwloosii11Obboleeyyan tiyya! Oduun Nagayaa ka anaan himame kun, ka namni uf keessaa burqisiise akka hin taane, akka beettan barbaada.
12Hu. Er. 9:1-15 Yesuus Kiristoositu naaf ibse malee, ani nama irraa hin fudhanne, hin barannelle'e.
13 Hu. Er. 8:3; 22:4-5; 26:9-11 Hennaa duri amantaa Yihuudotaa hordofa'aa ture, Attamitti akka jiraata'aa ture dhageettaniirtan. Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii akkamalee ari'a'aa, balleessa'aa ture.
14Hu. Er. 22:3 Aadaa abbootaatiifillee akkamalee hinaafa'aa, firoota bara kiyya jiran keessaa akka sirna amantii Yihuudotaatiin guddisee isaan caala.
15-16 Ermiyaasii Raatticha 1:5; Rom. 1:1; Efe. 3:7 Haata'uu ammoo, ka uduu ani gadaamessa haadha tiyya keessa jiru na filate, badhaadha isaatiinillee Rabbiin na waame, worra Yihuudii hin taane jiddu'utti, Oduu Nagayaa isaa akka himuuf, Ilma ufii akka kiyyatti ibsu'uuf hennaa barbaade, yoosuu ani nama tokkoonillee hin mari'anne. Hu. Er. 9:3-6; 22:6-10; 26:13-18
17Gara worra anaan dura ergamoota turanii gara Yerusaalemii hin dhandhe. Haata'uu ammoo gara biyya Aarabaa deeme, deebi'ee gara Damaasqo'oo dhufe.
18Hu. Er. 9:26-30 Woggaa sadihiin maayessa Keffaa gaafachu'uuf gara Yerusaalemii bayee, isa woliin guyyaa kudha shan ture.
192:9; Hu. Er. 12:17; Mat. 13:55 Haata'uu ammoo obboleessa Goofta'aa Yaaqoobiin malee, ergamtoota keessaa ka biraa tokkollee hin argine.
20Wonti ani isinii barreessu kun dhara akka hin taane, Rabbi hin beeka.
21Achiin maayessa gara Sooriya'aatii fi gara biyya Kiliqiya'aa dhaqe.
22Worri Kiristoositti amanan woldoonni Yihuuda'aa na hin beekan.
23Haata'uu ammoo, inni duran nu ari'a'aa ture sun, amantaa duran balleessu'uuf barbaadu san lallaba jedhamee hennaa dubbatamu dhagaya'aa turan.
24Waan kiyyafillee Rabbiin galateeffatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.