Ergaa Phaawuloos Gara Worra Qorontoosii Erge Ka 2ffaa 9 - WAADAA LAMMATAA

Gargaarsa Woldaa Kiristaanaatiif Kenname

1Waan tajaajila woyyootaatiif ta'u isinii barreessuu na hin barbaachisu.

2Fedha keessan mishaa waan beekuuf, jajjabeenni keessanillee kaawwan kakkaase, «Waan Worri Akaayiyya'aa bara dheengaddaa irraa jalqabee godheef» worra Maqedooniya'aa biratti isiniin boona.

3Haata'uu ammoo akkuma isaaniin jedhe worra qophooftan akka taatan waan kanaanillee boonni ani isiniin boonu duwwaa akka hin taane, obbooloota erga.

4Maal laataa namoonni Maqedooniya'aa na woliin dhufan uduu isin hin qophoofne yoo isin argan isin qofa uduu hin ta'in; nu worri isin abdannellee hin saalfanna.

5Obboleewwan naan dura gara keessan dhufanii, gargaarsa arjoomu'uuf waadaa galtan dura keessan akka qopheessitan akka isin qaabsiisaniif isaan gara keessan erguun barbaachisaa akka ta'e yaadeera.

6 Kitaaba Fakkeennaa 11:24-25; 19:17; 28:27 Kanallee akkana jedha, «Ka diqqoo facaasu diqqoma haamata. Ka guddisee facaasu akkasuma guddisee haamata»

78:8; Rom. 12:8; Seera Keessa deebi'ii 15:10 Rabbi ka gammachu'uun kennu waan jaalatuuf, marti isaaniitu akkuma garaa ufiititti yaadeen haa keennu; gaddaan yookiin giddi'iin akka hin taane.

8-9Filph. 4:19 Bitinneesse, hiyyeeyyi'ii kenne, qajeellummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata jedhamee akkuma barreeffame Rabbi hennaa maraa waan maraanuu dandeettii maraa argattanii hujii misha'aan akka baayi'attan badhaadhummaa maraan isin guddisuu danda'a.

10Isaayyaasii Raatticha 55:10; Yaq. 3:18 Ka facaasuu sanyii, ka nyaatuufillee xoroshoo guddisee ka kennu sanyii facaaftan isinii kenna. Isinii barakachiisalle'e; daraaraa qajeellumma'aa keessanillee isinii guddisa.

11Karaa keennaan nu'u kennaa galata Rabbiitiif sababa ta'u mara akka mudhiftaniif waa maraanuu dureeyyii akka taataniif.

12Tajaajilli gargaarsaa kun woyyoota jalaa waan hanqatu marumaa ka guutu callaa uduu hin taane, Rabbiifillee galata guddaa akka dhiyeessan godha.

13Tajaajila kanaan waan qoramtaniif Oduu Nagayaa Kiristoosii amantanii ajajamuu keessaniin isaanii fi worra biraallee gargaarsa arjumma'aa kanaan Rabbiin kabajjan.

14Isaan hennaa isinii Rabbiin kadhatan badhaadhummaa waa maraa caalu saniif isin yaadan.

15Rom. 6:23 Kennaa isaa ka hagana hin jedhamneef, Rabbiin galanni haa gawu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help