1 cabsee kennuuf san» jedhee deebiseef, kutaa xoroshoo fuudhee waan unataniin tuqee ilma Simoonii Yihuudaa ka biyya Asqorootu'uutii kenne.
2713:2; Luq. 22:3 Ka inni kutee kenneef haga fudhateen maayessa hennama san, Seexanni itti gale; Eeganaa Yesuus, «Waan godhu'uuf taatu dafii godhi!» jedheen.
28Haata'uu ammoo worra taa'an keessaa maaf akka kana jedhe eennullee hin hubanne.
2912:6 Yihuudaan waan korojoo qabatuuf, Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookiin hiyyeeyyi'iif kennaa akka kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture.
3018:3 Innillee kutaa san haga fudhateen maayii yoosuu baye, hennaanillee halkan.
Ajaja Haarawa31 12:23 Haga bayeen maayessa Yesuus akkana jedhe, «Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Rabbillee waan isaatiif ulfaateera.
3217:1-5 Yoo Rabbi sababaa isaatiif kabajjame, Rabbillee akkasuma isa kabajja. Yoma san kabajjaanille'e.
337:33-34; 8:21 Ijoollee tiyya amma hennaa diqqoo isin woliin taa'a isin na soxxan, ‹Hulee ani dhaqu dhaquu hin dandeettan› jedhee Yihuudotatti akkuma hime isinttillee hima.
3415:12, 13, 17; Yoh. 1ffaa 2:8, 10; 3:11, 14; Yoh. 2ffaa 5 Akka wol jaalattan, akkuma anillee isin jaaladhe, isinillee akkasuma akka wol jaalattan ajaja haarawa isinii kenna.
35Yoh. 1ffaa 2:5; 4:20 Yoo jaalala wolii qabaattan, darasoota kiyya akka taatan, namoonni maruu kanaan isin beekan.»
Yesuus Akka Pheexroos Isa Ganu Dubbate.(Mat. 26:31-35; Mar. 14:27-31; Luq. 22:31-34)36 7:34-35; 21:18-19 Simoon Pheexroosillee, «Gooftaa'a! Eessa dhaqa'aarta?» jedhee isa gaafate.
Yesuusillee, «Gara ani deemu amma na faana deemuu hin dandeettu; haata'uu ammoo maayii na faanaa dhufta» jedhee deebiseef.
37Pheexroosillee, «Gooftaa'a! Amma wonti si faanaa deemuu hin dandeenneef maali'i? Lubbuu tiyya sii kenna» jedheen.
38Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Lubbuu tee naaf kennitaa? Dhugama dhuga'aatiin siin jedha uduu lukkuun hin iyyin hennaa sadi na ganta» jedheen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.