Hujii Ergamootaa 16 - WAADAA LAMMATAA

Ximootewos Phaawuloosii Fi Sillaasiin Woliin Deeme

1 14:6; Xim. 2ffaa 1:5 Phaawulos gara darbe'ee fi Lisxira'aa gaye. Achi mucaa intala Yihuudii amantee darasaa Ximootewoos jedhamu tokkotu jira. Abbaan isaa ammoo nama Giriikii ti.

2Waan isaa, obboleewwan Lisxiraanii fi Iqooniyoon jiran ragaa ta'aniif.

3Gal. 2:3-5 Phaawuloos isa qabatee bayuu fedhe, Yihuudota hulee san jiraniif jedheeti qabee gadoomiseen. Akka abbaan isaa nama Giriikii ta'e waan beekaniif.

415:23-29 Hennaa qachoota keessa deddeeman ergamoonninii fi manguddoonni Yerusaalemiin jiran seera muratan akka eegan isaanii kennan.

5Woldoonni Kiristaanaa amanta'aan jabaatan. Laakkofsi isaanii guyya guyya'aan eda'ama'aa ture.

Phaawuloos Namicha Maqidooniya'aa Manaabaan Arge

6 18:23 Isiya'attillee dubbii Rabbii akka hin dubbanne Ayyaanni Woyyuun waan isaan dhooggeef Firgiiya'aa fi biyya Galaatiya'aa keessa lufan.

7Hennaa Kolba Misiya'aatiin gayan gara Bitaaniya'aa deemu'uuf yaalan, Ayyaanni Yesuusii isaan hin hoffolchine.

8Cinaa misiya'aatiin lufanii gara Xiro'aadda'aa bu'an.

99:10; 11:5; 18:9 Eebju'uun halkan Phaawuloositti mudhatee namni Maqedooniya'aa tokko gara Maqedooniya'aa ceeyiitii nuu gargaari jedha'aa dhaabatee isa kadhata'aa ture.

10Haga Eebjuu argeen maayii bakkumatti gara Maqedooniya'aa bu'uu barbaannee, Oduu Nagayaa akka lallabnuuf Rabbi waan nu waame waan nutti fakkaateef.

Liidiyaan Gooftaa Yesuus Kiristoositti Amante

11Xiro'aadda'aallee kaanee qajeellee Samootraaqee dhandhe; bariisaa gara Naaphule'ee Markabaan deemne.

12Achiillee gara Filiphisiyuusii geenne; isin qachaa Maqedooniya'aa taatee ta qachaa gudditii aanaa jala jirtu qachaa tanatti hennaa garii qachaa tana turra.

13Guyya Sambataa balbala qachatti'ii saniin alatti bakki faate'ee tolu achi waan jiru waan nutti fakkaateef, gara cinaa lagaatiin baanee, teennee dubartoota wolgayaniitti dubbanne.

14Dubartoota nuu caqasa'aaran keessaa dubartiin qachaa Tiyaaxirooniitii dhufte; ta uffata diimaa haphii gurgurattu takkatu jira. Maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Rabbiin kaddaamtu waan taateef dubbii Phaawuloos dubbatu akka caqaftuuf Gooftaan qalbii isi'ii bane.

1516:33; 18:8 Isiinillee maatii mana isi'ii woliin haga cuuphamteen maayii Goofta'aatti akka amanu yoo feetan gara mana kiyyaa seena'aatii jiraadhaa'a jettee nu kadhate.

Phaawuloosii Fi Sillaas Hidhaman

16 19:24 Hennaa hulee faate'ee dhandhu dubartiin ayyaanni mortuu keessa jiru ta gooftota isi'iitiif mora'aa bu'aa guddaa fida'aa turte hojjattuun takka nu argitee,

17Mar. 1:24, 34; Luq. 4:34, 41 Isiin nu faanaa deema'aa, «Namoonni karaa fayyiinsaa isinitti himan kunniin garboota Waaqa ol'aana'aa ti!» jedha'aa iyya'aa turte.

1819:13; Mar. 16:17 Waan kana guyyaa heddu goote. Phaawuloos ammoo rakkateeti uf duuba midhatee ayyaanni hamaan isii keessaa akka bayu, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin si ajaja» jedhe; Yoma san isii keessaa baye.

19Gooftonni isi'ii abdii bu'aa ufii akka dhaban haga argan, Phaawuloosii fi Sillaasiin qabanii gara gabaya'aa harkisaniinii,

2017:6 bulchoota afo'otti dhiyeessaniin, «Namoonni kunniin Yihuudota ta'anii qachaa keenna guddisanii raasa'aaran.

21Nu namoota Rooma'aa waan taaneef, fudhannee akka goonuuf waan nuuf hin eeyyamamne dubbatan» jedhan.

22Qor. 2ffaa 11:25; Tas. 1ffaa 2:2 Baniinillee wol ta'anii isaanitti ka'an. Bulchoonni uffata isaanii irraa mulqanii ule'een akka isaan dhaanan ajajan.

23Guddisanii haga isaan tumaniin maayii gara mana hidha'aa isaan galchan; ka mana hidha'aa eegullee sirri'itti akka eegu ajajaniin.

24Innillee ajaja kana fudhatee gara mana hidhaa keessaatitti isaan galchee, luka isaanii guddeelcha jiddu'utti galchanii hidhan.

25Halkan qixxee ammoo Phaawuloosii fi Sillaasi Rabbiin kadhata'aati faaru'uun Rabbiin galatoonfata'aa turan. Worri hidhamanillee caqasa'aa turan.

26Dimmaa hundeen mana hiidha'aa haga raafamuutitti lafti sochoote. Hennama san balbali maruu banamee hidhaan nama maraa hiikkame.

2712:18-19 Ka mana hidha'aa eegu hiribaa dammaqee balbaltti mana hidha'aa banamtee hennaa arge, waan worri hidhaman jalaa badan itti fakkaatee, uf ajjeesu'uuf yaadee guraadee luqqifate.

28Phaawuloos ammoo laagaa gudda'an, «Nu maruu asuma jira uf irratti waan hamtuu hin godhin» jedhee itti lallabe.

29Ibsaa kadhatee gara keessaa ol fiigee hollata'aa Phaawuloosii fi Sillaasiin afo'otti kufe.

302:37; 9:6 Jara gara diidaa gad baasee, «Gooftota tiyya fayyu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» isaaniin jedhe.

31Mar. 16:16; Yoh. 3:16-17 Isaanillee, «Gooftaa Yesuus Kiristoositti amani atii fi maatiin mana keetiillee hin fayyitanii» jedhaniin.

32Isaa fi worra mana isaa jiran maraaf dubbii Rabbii isaanitti himan.

33Halkanuma san sa'aatii sanitti fuudheeti madaa isaanii miicee, hennama san inni maatii ufii maraa woliin cuuphame.

34Gara mana ufii isaan fidee hurbaata dhiyeesseef inni waan Rabbitti amaneef maatii ufii maraa woliin gammade.

35Haga lafti bariite bulchoonni, «Namoota sanniin hiikaa'a!» jedhanii garboota ufii ergan.

36Eeduun mana hidha'aa «Akka hiikkamtan bulchoonni nama erganiiru; eeganaa amma baya'aatii nagayaan deemaa'a» jedhee dubbii kana Phaawuloositti hime.

37 22:25 Phaawuloos ammoo, «Nu namoota Rooma'aa taanee murtee malee banii afo'otti nu tumanii mana hidha'aatitti nu galchan. Amma dhossa'aan gad nu dhiisanii? Hin ta'u ufumaa dhufanii nu haa baasanii» isaaniin jedhe.

38Garboonni isaallee waan kana bulchootatti himan. Isaan namoota Rooma'aa ta'uu isaanii hennaa dhagayan, sodaataniitti dhufanii isaan kadhatan.

39Mat. 8:34; Luq. 8:37 Mana hidha'aatii isaan baasanii qachaa san keessaa akka bayan isaan kadhatan.

40Mana hidha'aatii bayanii gara mana Liidiya'aa seenan. Obboleewwanillee haga argan isaan jajjabeessanii achii deeman.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help