Ergaa Yohaannisii Ka 1ffaa 4 - WAADAA LAMMATAA

Ayyaana Dhuga'aatii Fi Ayyaana Dharaa

1 Tas. 1ffaa 5:19-22; Mat. 7:15 Goshoota tiyya, Ayyaana mara hin amaninaa'a, Haata'uu ammoo ayyaannoni Rabbiin biraa ta'uu isaanii qoradhaa'a. Raadduun sobaa heddu gara adunyaa tanaa waan yaa'aniiraniif.

2Ayyaana Rabbii kanaan beettan. Yesuus Kiristoos akka fooniin dhalate Ayyaanni amanu maruu Ayyaana Rabbiiti.

32:18, 22 Ayyaanni Yesuus Kiristoos akka fooniin dhalate hin amanne maruu ka Rabbiitii miti. Innillee Ayyaana Kiristoosiin mormu. Kun akka dhufu dhageettaniirtu, ammumaa adunyaa keessa jira.

4 Luq. 11:22 Ijoollee tiyya, isin Rabbiin woliin jirtan injifataniirtanille'e, ka isin keessa jiru, ka adunyaa keessa jiru waan caaluuf.

5Yoh. 15:19 Isaan ka adunyaa kanaati. Kanaafuu wonti isaan dubbatanillee woma adunyaa tanaati. Adunyaanillee isaanii dhageetti.

6Yoh. 8:47 Nu ka Rabbiiti, ka Rabbiin beeku, nu dhagaya, namni nama Rabbii hin taane nu hin dhagayu, Ayyaana dhuga'aatii fi Ayyaana sobaa kanaan adda baafanna.

Rabbi Jaalala

7Goshoota tiyya, jaalali Rabbiin biraa waan ta'eef, ka nama jaalatu maruu Rabbiin irraa waan dhalateef, Rabbiinillee waan beekuuf wol haa jaalanuu.

8Ka jaalala hin qabne, Rabbiin hin beeku; Rabbi waan jaalala ta'eef.

9Yoh. 3:16 Akkanaan Rabbi jaalala ufii nuu ibse. Karaa isaatiin tokkocha Ilma ufii gara adunyaa tanaa waan ergeeruuf.

10Jaalalti akkana, Rabbi waan ufii nu jaalateef, Ilma ufii ciincaa cubbuu keennaa akka ta'u godhe malee waan nu isa jaalanneefii miti.

11Goshoota tiyya, yoo Rabbi akkanatti nu jaalate, nullee akkasuma wol haa jaalannuu.

12Yoh. 1:18 Ka Rabbiin arge eennullee hin jiru. Nu yoo wol jaalanne, Rabbi nu keessa jiraata. Jaalalti isaallee nu keessatti guutu'u.

13Ayyaana ufii irraa waan nuu kenneef, nu akka isa keessa jiraannuuf innillee akka nu keessa jiraatu kanaan beenna.

14Yoh. 3:17 Abbaan Ilma ufii fayyisaa adunyaa tanaa akka ta'u godhee akka erge dhageenneerra, hin rannalle'e.

15Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e, ka amanee ragaa bayu maruu, Rabbi isa keessa jiraata. Innillee Rabbiin keessa jiraata.

16Nullee jaalala Rabbi nuu qabu beenneerra. Amanneerralle'e.

Rabbi jaalala; ka jaalalaan jiraatu Rabbiin keessa jiraata, Rabbillee isa keessa jiraata.

17Guyyaa murti'ii akka ugginuuf jaalalti isaa nu keessa guutteerti. Akkuma inni adunyaa keessa jiraate nullee akkasuma adunyaa keessa jira.

18Jaalala keessa sodaan hin jiru. Jaalalti guutuun sodaa uf keessaa baasee gata. Sodaa keessa yakki waan jiruuf, nama sodaatu jaalalti isaa guutu'uu miti.

19Inni waan duraan dursee nu jaalateef, nullee isa jaalanna.

202:4, 9 Eennullee, «Rabbiin hin jaaladha» jedha'aa obboleessa ufii yoo ka jibbu ta'e, inni hin soba, obboleessa ufii ka ijaan arga'aaru kan hin jaalanne; Rabbii ijaan hin argine attamitti jaalachoo danda'a?

21Mat. 22:36-40; Mar. 12:29-31 Ka Rabbiin jaalatu, obboleessa ufii akka jaalatu seera akkanaa Rabbiitu nuu kenne.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help