1 meeqa akka kaaftan hin qaabattanii?
11raacitii Fariisotaatii fi Saduqootaa irraa akka uf eeggattan ka jedhe waan xoroshoo attamii akka ta'e attamitti hin hubanne?
12Achiin maayessa isaan, Barumsa Fariisotaatii fi Saduqootaa malee, xoroshoo raacitii irraa akka uf eeggattan akka isaaniin hin jenne hennaa san qaabatan.
13Yesuus gara qachaa Filiphoos Qisaariyaa hennaa gaye, darasoota ufiitiin, «Namoonni Ilma Namaatiin eennu jedhan?» jedhee gaafate.
14 Ilma Rabbii jiraata'aa ti» jedheen.
17 jeennata sami'ii sii kenna. Wonti ati lafarratti hiite maruu sami'ittillee ka hidhame ta'a. Ka lafarratti ati hiittu maruu sami'ittillee hin hiikkama» jedhe
2017:9; Mar. 9:9 Achiin maayii Yesuus Kiristoosiin akka ta'e eennuttillee akka hin himne, darasoota ufii jabeessee seere.
Yesuus Waan Rakkoo Ufiitii Fi Du'a Ufii Dubbate(Mar. 8:31—9:1; Luq. 9:22-27)21 12:40; 17:22-23; Yoh. 2:19 Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani gara Yeruusaaleemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha, hin ajjeefama; guyyaa sadaffa'aatitti ammoo hin ka'a» jedhee darasoota ufiititti himuu jalqabe.
22Pheexroos hojjatti achi isa baasee, «Gooftaa kiyya wonti kun horoma sirratti hin ta'in» jedhee teedeffatuu jalqabe.
23Inni ammoo gara galee Pheexroosiin, «Ati seexana asii deemi! Ati waan namaa malee, waan Rabbii waan hin yaanneef gufuu natti taateerta» jedheen.
2410:38; Luq. 14:27 Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Na faanaa deemuu ka fedhu yoo jiraate uf haa waakkatuu, fannoo ufii baatee na faanaa haa deemuu»
2510:39; Luq. 17:33; Yoh. 12:25 Namni lubbuu ufii hambisuu fedhe maruu hin balleeffata. Naaf jedhee lubbuu ufii ka dhabu maruu hin argata.
26Namni bu'aa adunyaa tanaa maraa yoo argate, lubbuu ufii ammoo yoo balleeffate maal isaa godha? yookiin namni gatii lubbuu ufiitiif maal kenna?
2725:31; Kitaaba Faarfanna'aa 62:12; Rom. 2:6 Ilmi namaa maleekkota ufii woliin ulfinna Abbaa ufiitiin hin dhufa, achiin maayessa maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaa hin kennaaf.
2810:23 Ani dhugamaan isiniin jedha, worra as dhaabatan kanniin keessaa, namoonni gariin hennaa Ilmi Namaa jeennata ufiitiin dhufu worri hin duune hin jiran» jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.