1Ayyaanni Faasika'aatii fi ka xorosho'oo kabajjamu'uuf guyyaan lamaa yoo hafu, bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yesuusiin attamiin akka qabanii ajjeesan dhokatanii mari'atan.
2Isaan, «Baniin akka hin boorofne guyyaa ayyaanaa irratti akka hin taane» woliin jedhan.
Yesuus Bittaaniya'aatti Urgooftuu Dibame(Mat. 26:6-13; Yoh. 12:1-8)3 Naardoosii ka gatiin isaa gudda'aa qabattee dhuftee, bilqaadii cabsitee mataa isaatitti buufte.
4Namoota achi turan keessaa garii gariin itti aaranii, «Wonti Urgoo tana balleessaniif maali'i?
5Urgooftuun tun silaa gatii woggaa tokkoo caala'atti gurguramtee, saantimiin kun hiyyeeyyi'iif kennamuu hin woyyuu» jedhanii hincinnaayanii isi'iin lolan.
6Yesuus ammoo akkana isaaniin jedhe, «Isii dhiisaa'a! Isin maaf isii rakkiftan? Isiin waan mishaa naa gooteerti.
7Ilmi Rabbii ulfaataan si'ii?» jedhee isa gaafate.
62Daani'eelii Raatticha 7:13; Kitaaba Faarfanna'aa 110:1; Efe. 1:20; Qol. 3:1; Ibr. 1:3 Yesuusillee ee ana. Ilmi Namaa mirga Rabbii waan maraa godhuu danda'uu taa'ee samii irraa deebi'ee duumessaan hennaa dhufu hin argitan jedhe.
63Seera Laakkobsaa 14:6; Hu. Er. 14:14 Bulchaan gadootaallee uffata ufii biinxee, ammaa achi «Ragaa biraa maal nu barbaachisa?
64Seera Leewwotaa 24:16; Yoh. 19:7 Rabbiin arrabsuu isaa isinuu dhageettaniirtanii, murtiin teessan maali'i ree?» jedhe. Isaan maruu afaan tokko ta'anii, haa ajjeefamuu jedhanii itti muran.
6510:34; 15:19 Namoonni gariin Yesuusitti tufanii, ija isaallee hidhanii, «Eentu si dhaye? Mee raaga himi» jedha'aa tontoommo'oon isa dhayan. Hojjattoonnillee dhabanaasa'aa fuudhanii deemaniin.
Pheexroos Yesuusiin Gane(Mat. 26:69-75; Luq. 22:56-62; Yoh. 18:15-18, 25-27)66Pheexroos ammallee dallawa san keessa uduu jiru, hojjattuun gadicha guddaa takka dhuftee isa biraan baate.
67Isiin Pheexroosiin uduu ibidda oo'ifattu argitee xiinxallitee hubattee laaltee, «Atillee Yesuusii Naazireetii woliin jirta» jetteen.
68Inni ammoo ka ati jettu hin beeku hin qaabadhulle'e jedhee ganne. Achiin maayessa akkuma inni karra gad bayeen lukkuun iyye.
69Ammallee dubartiin hojjattuun sun isa argitee worra achi dhaabateeruun, «Namichi kun nama isaaniiti» jette.
70Pheexroos ammoo ammallee hin ganne. Hennaa diqqo'oon maayessa worri achi dhaabateeru, Pheexroosiin «Ati nama Galiila'aa waan taateef, dhugamaan ati nama isaaniiti» jedhaniin.
71Inni ammoo, «Namicha isin jettan kana ani hin beeku» jedhee uf abaara'aa kakatuu jalqabe. Yoma san lukkuunillee lammaffaa iyye.
72 14:30; Mat. 26:34; Luq. 22:34; Yoh. 13:38 Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Lukkuun hennaa lama uduu hin iyyin, ati hennaa sadihii na ganta» isaan jedhe san qaabatee hirqiffatee booye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.