1Isin namoota Galaatiya'aa worra qalbii hin qabne, ija teessan afo'otti Yesuus Kiristoos akka waan faki'iititti fannifame akka dhuga'aaf hin ajajamne eentu muuseessaa isinitti buuse?
2Ani waan tokko caallaa beekuu barbaada. Isin seera eegu'uun mo'o dubbii Rabbii dhageettanii itti amantaniin Ayyaana Woyyuu fudhatan?
3Isin hagasuma mara gowwa'aa? Ayyaana Rabbiitiin jalqabdan; amma ammoo yaada fooniitiin fixuu barbaadanii?
4Kun dhugamaan waan hin fayyanne yoo ta'e, isin waan duwwaa kanaaf rakkoon isin irra gayee?
5Eegasuu Rabbiin Ayyaana ufii isinii keennu ka isin birattillee maalalee godhu, hujii seeraa tiin mo'o amantaa dhageetti'iin ta'een?
6 Rom. 3:4 Akkasuma, «Abrahaam Rabbitti amane; amantaan isaallee qajeellumma'aatti laakkawameef»
7Rom. 4:16 Eegasuu worri amanan martinuu ijoollee Abrahaamii akka ta'an beekaa'a.
8Seera Uumamaa 12:3; 18:18; Hu. Er. 3:25 Kitaabnillee Rabbiin worra Yihuudii hin taane amanta'aan qajeelchu dursee argee, «Baniin maruu siin eebbifama» jedhamee Oduun Nagayaa Abrahaamiif dursee himameera.
9Rom. 4:16 Kanaaf worri amanan maruu, Abrahaamii amane woliin eebbifaman.
10 Seera Keessa deebi'ii 27:26; Yaq. 2:10 Ka hujii seeraatiin ta'e maruu abaarsa jala waan jiraniif, «Kitaaba seeraa mara keessatti ka barreffaman ka jabaatee ittiin hin jiraanne maruu ka hujii irra hin olchine maruu ka abaarame!» jedhamee waan bareeffameeruuf.
112:16; Imbaaqoomii Raatticha 2:4; Rom. 1:17; Ibr. 10:38 «Qajeelaan amanta'aan jiraata» waan jedhameeruuf, eennullee Rabbiin afo'otti seeraan akka qajeelaa hin taane ifa.
12Seera Leewwotaa 18:5; Rom. 10:5 Seerrillee amanta'aanii miti. Haata'uu ammoo, «Namni seera raawwatu seera keessa jiraata» jedhameera.
13 Seera Keessa deebi'ii 21:23; Rom. 8:3; Qor. 2ffaa 5:21 Ka muka irratti fannifamu maruu ka abaarame jedhamee waan barreeffameeruuf, Kiristoos waan keennaaf abaaramaa ta'ee, seera abaarsaa jalaa nu booji'e.
14Seera Uumamaa 12:3; Isaayyaasii Raatticha 44:3; Iyyu'eelii Raatticha 2:28 Abdii Ayyaanaa amanta'aan akka fudhannu eebbi Abrahaamii gara worra Yihuudii hin taanee karaa Yesuus Kiristoosii irraan isaan akka dhaqqabuuf.
Seerri Waadaa Abdi'ii Hin Diigu15 Ibr. 9:16 Obboleeyyan tiyya! Akka Aadaa namaatitti kana jedha. Namallee yoo ta'e, abdii mirkanaaye eennullee hin tuffatu yookiin itti hin eda'u.
16Seera Uumamaa 12:7; 13:15; 17:7-8 Abrahaamiif fiixaa isaatiillee dubbii abdi'iititu himame. Barreeffamni Woyyuun, akka namoota hedduuf dubbatuuf, «Fiixaa» isaaniitiin hin jedhu, akka nama tokkotti dubbateetitti ammoo, «Fiixaa» keetiif jedha; innillee Kiristoos.
17Seera Bawu'uu 12:40 Kanallee akkana jedha, woggaa dhibba afurii fi soddomaan maayii seerri duraan keenname abdii dubbii Rabbiitiin mirkanaaye haga diiguuf dubbii abdi'ii balleessuu hin danda'u.
18Rom. 4:14 Dhaala argachuun karaa seeraatiin uduu ta'ee, ammaa achi dhaalli karaa Waada'aatiin hin argamu ture. Jecha abdi'iitiin ammoo, Rabbi Abrahaamii kenneera.
19 Hu. Er. 7:38, 53; Rom. 3:20; 5:20; 7:8-9; Ibr. 2:2; Seera Keessa deebi'ii 5:5 Eegasuu seerri maali'iif kenname? Haga fiixaan abdiin keennameef sun dhufuuf, seera diiguun maal akka ta'e mudhisu seerri eda'amee kenname.
20Seera Keessa deebi'ii 4:35 Jiddu galeessi tokko calla'aafii miti. Rabbi ammoo tokko.
Kaayyoo Seeraa21 Rom. 8:2-4 Eegasuu seerri dubbii abdii Rabbii ka mormu ta'aa? Miti. Seerri akka jiruu kennu uduu kennamee jiraatee, silaa dhugamaan seera eeguun qajeellummaa fida.
22Rom. 3:9-20; 11:32 Haata'uu ammoo dubbiin abdi'ii Yesuus Kiristoositti worra amananiif akka kennamuuf akkuma kitaabni woyyuun jedhu adunyaan maruu cubbuu jalatti hidhamaniiran.
23Amantaan uduu hin dhufne amantaa mudhatu'uuf ta'u nutti cufamee seeraa gaditti bula'aa turre.
24Rom. 10:4 Akkanatti amanta'aan akka qajeelaa taanuuf seerri guddiftuu gara Kiristoosii nu fidu ta'eera.
25Amantaan ammoo waan dhufeef, ammaa achi guddiftu jalaa miti.
Ijoollee Rabbii26Karaa amanta'aatiin marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti ijoollee Rabbii waan taataniif,
27Rom. 6:3; 13:14 Kiristoosiin woliin tokko ta'u'uuf worri cuuphamtan maruu Kiristoosiin uffattaniirtan.
28Rom. 10:12; Qor. 1ffaa 12:13; Efe. 2:14-15; Qol. 3:11 Yihuudii yookiin namni Giriikii hin jiru. Garbichi yookiin wolabaan hin jiru, dhiira yookiin intala jechuun hin jiru; marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti nama tokko waan taataniif.
29Rom. 4:13 Isinillee ka Kiristoosii eega taatan, akkasuma fiixaa Abrahaamii worra dubbii abdi'ii dhaalu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.