Ergaa Yohaannisii Ka 2ffaa 1 - WAADAA LAMMATAA

1 Yoh. 3ffaa 1 Waan dhugaa nu woliin baraa haga bara baraa jiraatuutii fi ani manguddoonni worra dhugamaan jaaladhuuf na callaa uduu hin taane,

2ka akkasuma worri dhugaa beekkan maruu jaalatan giiftii filatamtu'uuf ijoollee isi'iitiif,

3Xim. 1ffaa 1:2; Xim. 2ffaa 1:2 Rabbi Aabba'aa fi Ilma Aabbaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi araarri nageenni dhugamaan jaalalaan nu woliin jiraatan.

Waan Dhuga'aa Fi Jaalalaa

4 Yoh. 3ffaa 4 Akkuma ajaja Aabbaan irraa fudhanneen ijoollee tantee keessaa gari gariin dhuga'aan hennaa jiraatan waan argeef gammadeera.

5Yoh. 13:34; 15:12, 17; Yoh. 1ffaa 2:7; 3:11, 23 Giifti'ii yookiin woldaa tana! Ammallee akka wol jaalannu si kadhadha. Tunillee ajaja armaan dura jirtu malee ajaja haarawa sii barreessu'uufii miti.

6Yoh. 1ffaa 5:3Jaalaltillee akka ajaja isaatitti haa deemnu'uuf, ajanyillee akkuma duraan dhageettan akka isi'iin jiraannuuf.

7Yoh. 1ffaa 2:18; 4:1-3 Dogoggorsitoonni baayi'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aaf ka Kiristoosiin mormu.

8Gal. 4:11 Gatii keessan guutuu akka argattaniif malee ka hojjattan akka hin dhabneef uf eeggadhaa'a!

9Yoh. 1ffaa 2:23 Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraanneef barumsa isaa keessa namni hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammoo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.

10Tas. 2ffaa 3:6, 14 Eennullee barumsa kanaan gara mana keessanii yoo hin dhufne, hin simatinaa'a nagayallee hin gaafatinaa'a.

11Xim. 1ffaa 5:22 Namni nagaya isa gaafatu waan hujii hamaa isaa isarraa qoodamuuf.

Dhaamsa Nagayaa

12 Yoh. 1ffaa 1:4; Yoh. 3ffaa 13-14 Ani waan isinii barreessu guddaa qaba. Qalamaan woraqata irratti isinii barreessuu hin jaalanne. Haata'uu ammoo akka gammaddaniif dhufee afaaniin isin qaassu'uuf abdii qaba.

13Ijoolleen obboleetii teetii ta filatamte nagaya sii dhaamaniiran.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help