Ergaa Pheexroosii Ka 2ffaa 3 - WAADAA LAMMATAA

Abdii Dhufa Goofta'aa

1-2Goshoota tiyya! Ergaan amma isinii barreessu tun ta lammaffa'aati. Dubbiin raattota woyyu'uun dura jedhamee ajaja Goofta'aaf qoricha keennaa akka yaadattaniif waan lamaan kana isin qaabsisa'aa onnee teessan qajeeltuu jajjabeessa.

3Bara dhumaa fedhii ufiitiin worri jiraatanii fi worri baldan akka dhufan, hubadhaa'a.

4Hisqeelii Raatticha 12:22; Isaayyaasii Raatticha 5:19 Isaan, «Waadaan dhufa isaa meeti ree?» wonti maruu hennaa abbootiin teenna du'anii jalqabee akkuma uumamanitti jiran jedhan.

5Seera Uumamaa 1:2, 6-9 Isaan samiiwwan bara hedduun dura dubbii Rabbiitiin uumaman, akka laftillee bisaaniin wolitti qabatteef bisaan edduu jirtu beekanii hin hubanne.

6Sababa kanaaf adunyaan hennaa san jirtu bisaaniin liqimfamtee badde.

7Ardi'ii fi samiin amma jirtu tun ammoo akka ibiddaan badduuf haga guyyaan murti'iitii fi badiin worra Rabbitti hin amannee geettuu akka dubbii kanaatiin ibidda eeggatan.

8 Kitaaba Faarfanna'aa 90:4 Isin ammoo jaalatamtoota tiyya, Gooftaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaati. Woggaan kumaa akka guyyaa tokko akka ta'e waan kana hin dagatinaa'a.

9Hisqeelii Raatticha 18:23; 33:11; Imbaaqoomii Raatticha 2:3; Rom. 2:4; Xim. 1ffaa 2:4 Akka namoonni gariin waan turu seeyan Gooftaan waan waadaa gale saniif hin turu. Haata'uu ammoo namni maruu akka aagii galuuf malee, eennullee akka hin banneef jedhee waan keessaniif obsa.

10 Mat. 24:29, 35, 43-44; Luq. 12:39; Tas. 1ffaa 5:2; Mudh. Yoh. 16:15 Guyyaan Goofta'aa ammoo akka hattu'uu ta'ee dimmaa dhufa. Guyyaa san samiiwwan laagaa guddaa dhageessisa'aa lufan, uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan baqan. Lafaa fi wonti isii irra jiru maruu hin gubata.

11-12Kun maruu yoo ka akkanatti baqee badu ta'e, isin attamitti jiraachuu isinii woyya ree? guyyaa gaafa dhufa Rabbii eeggata'aa dhufa isaa ariifachiisa'aa, jireenna woyyu'uun namoota Rabbii fakkaata'aa jiraadhaa'a, guyyaa san samiin gubattee baxxi; uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan diiggaman.

13Isaayyaasii Raatticha 65:17; 66:22; Mudh. Yoh. 21:1, 27 Haata'uu ammoo samii haarawaa fi ardii haarawa qajeellumma'aan akka dubbii abdi'ii kennameetitti eegganna.

14Kanaafuu jaalatamtoota tiyya, waan kana eeggata'aa fafaa fi mudaa malee nagayaan Rabbiin woliin akka jiraattan jabaadha'aa cimaa'a.

153:9; Rom. 2:4 Obsuun Goofta'aa fayyinna keessaniif akka ta'e beekaa'a. Akkasuma obboleessi keenna jaalatamaan Phaawuloos haguma ogummaa isaa kennameetiin isinii barreesse.

16Inni akkuma ergaa isaa maraan hime, waan kanallee dubbate. Ergaa isaa keessa wonti tokko ka hubachuun nama dhibu hin jira. Akkuma namoonni hin barannee fi jabaatanii hin dhaabanne kitaabbilee kaawwan dabsan, kunniinillee akka fedha isaaniititti badii ufiitiif micciiran.

17 Mar. 13:5 Eegasuu jaalatamtoota tiyya, isin waan kana duraanuu waan beettaniif dogoggora worra hammeeyyi'iitiin qabamtanii dhaabachuu keessan irraa akka hin kufne ufi eeggadhaa'a. Akkasuma;

18Badhaadhumma'aa fi beekkomsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help