1 1:24; Ibr. 12:15 Nu isa woliin hojjata'aa, badhaadhummaa Rabbii akkanumaan akka hin fudhanne akkasuma hin kadhanna.
2Isaayyaasii Raatticha 49:8; Luq. 4:19-21 Rabbi,
«Hennaa malutti
ani si dhagayeera;
guyyaa fayyinnaallee,
ani si gargaareera» waan jedhuuf;
Kunoo hennaan malu amma; guyyaan fayyinnaallee amma.
3Akka tajaajilli keenna hin shakkamne waan tokkottillee guufuu hin taanu.
44:8-11 Haata'uu ammoo, waa maraanuu akka tajaajiltoota Rabbiititti uf dhiyeessina. Jabaannee dhaabachu'uun, rakkinnaan midhamu'uun, dhiphachu'uun,
511:23-27; Hu. Er. 16:23; 19:29; 21:30 Tumamu'uun, hidhamu'uun, raafamu'uun, dadhabbi'iin, hirriba dhabu'uun, soomu'uun,
6Xim. 1ffaa 4:12 Qulqullinnaan, beekkomsaan, obsaan, arjumma'aan, Ayyaana woyyu'uun, jaalala fakkeessaa hin qabneen,
74:2; Rom. 15:19; Qor. 1ffaa 2:4; Efe. 6:14-17; Xim. 2ffaa 2:15 Dubbii dhuga'aatiin, hunna Rabbiitiin, meeshaa woraana qajeellumma'aa harka mirgaatii fi harka bita'aatitti qabachu'uun,
84:10-11 Ulfinnaa fi salphinnaan, maqaa badu'uu fi maqaa tolu'uun jiraanneerra. Nu worra dhuga'aa taanee uduu jiru dogoggorsitoota jedhamne.
9Kitaaba Faarfanna'aa 118:18 Worra hin beekkamne uduu jedhamnu nu ammoo worra beekkame. Waan duunu uduu fakkaannu nu ammoo jiraattota; hin adabamna malee hin ajjeefamnu.
108:9; Qor. 1ffaa 3:21; Filph. 4:12-13 Worra gaddu uduu taanu hennaa maraa hin gammanna. Hiyyeeyyii taanee, namoota hedduu dureeyyii goona, worra womaa hin qabne fakkaannullee, wonti maruu keenna.
11Isin namoota Qorontoosii afaan keenna isiniif banameera, garaan keennallee isiniif badhateera.
12Isintuu garaa nu dhoffate malee, nu garaa isinitti hin dhoffanne.
13Qor. 1ffaa 4:14 Isin ijoollee tiyya waan taataniif akkana isiniin jedha. Akkuma nu garaa keenna isinii banne, isinillee garaa keessan nuu banaa'a.
Worra Hin Amanne Woliin Wolitti Hin Hidhamin14 Seera Keessa deebi'ii 22:10; Efe. 5:7, 11 Worra hin amanne woliin deemsa hin tolleen wolitti hin hidhaminaa'a. Qajeellummaan dhara woliin firooma maal qaba? Ifnillee dukkana woliin tokkummaa maal qaba?
15Mootota 1ffaa 18:21 Kiristoos daabiloosiin woliin wolii galtee maal qaba? Yookiin ka amanu ka hin amanne woliin tokkummaa maal qaba?
16Seera Leewwotaa 26:11-12; Ermiyaasii Raatticha 31:33; 32:38; Hisqeelii Raatticha 37:27; Yoh. 14:23; Qor. 1ffaa 3:16; 6:19 Manni Rabbii woyyuun, waaqa tolfamaa woliin firooma maal qaba?
«Nu mana woyyuu Rabbii jiraata'aa waan taaneef, akkasuma Rabbi akkana jedhee dubbate;
Ani isaan keessa jiraadha,
isaan wodhakkaa deddeebi'a;
Waaqallee isaanii ta'a.
isaanillee banii kiyya ta'an»
17-18Kanaafuu Gooftaan,
«Isaan keessaa bayaa'a gargar fooyamaa'a.
waan battii hin tuqinaa'a.
anillee isin simadha;
abbaallee isinii ta'a.
Isinillee ijoollee dhiiraatii fi ijoollee intalaa naa taattan
jedha Gooftaan maraa bulchu.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.