Ergaa Gara Worra Ibrootaa Ergame 13 - WAADAA LAMMATAA

Hujii Rabbiin Gammachiisu

1-2 Yoh. 13:34; Rom. 12:10; Phex. 2ffaa 1:7 Hennaa maraa jaalalli obbolumma'aa isin jidduu haa jiraatu. Keessummoota simachuu hin irraanfatinaa'a; akka kanaan gari gariin uduu hin beekin Maleekkota keessummummaa simataniiran.

310:34; Mat. 25:36 Akka waan isaan woliin hidhamtaniirtanii ta'a'aa worra hidhame yaadadhaa'a. Akka waan isaan woliin rakkattanii jiraata'aartaniititti worra rakkataniillee yaadaa'a!

4 Efe. 5:5; Tas. 1ffaa 4:3-8 Wol fuudhuun maraa biratti ulfinna; sireenillee qulqulluu haa ta'u. Worra adaba hin qabnee fi seebartoota ammoo Rabbi isaanitti murteessa.

5Xim. 1ffaa 6:6-10; Seera Keessa deebi'ii 31:6, 8; Kitaaba Iyyaasu'uu 1:5 Jaalala birri'ii irraa uf eegaa'a. Wontummaan qabdan isin haa gayu. Inninuu, «Si hin dhiisu, sirima si hin gatu» waan jedheef.

6Kitaaba Faarfanna'aa 118:6 Ugginee,

«Gooftaan na gargaara,

hin sodaadhu;

namni maal na godha?» jenna.

7 6:12; 13:17, 24; Qor. 1ffaa 4:16; Filph. 3:17 Worra ijoo dubbii Rabbii isinitti himan yaadadhaa'a. Waan jireenna isaanii keessatti argame laalaa'a; amanta'aan isaan fakkaadhaa'a.

87:24; Qor. 1ffaa 3:11; Mudh. Yoh. 1:17-18; 22:13 Yesuus Kiristoos kalleessa, adhaa haga bara baraa sanuma.

9Efe. 4:14; Qol. 2:20; Qor. 2ffaa 1:21; Rom. 14:17 Barumsa adda addaa haarawa hin beekkamneen hin fudhataminaa'a. Onneen teessan yoo waan badhaadha Rabbiitiin jabaatte misha'a malee, nyaataanii miti. Worri waan kana hordofan waan hin fayyadamneef.

10Nu hulee ciincaa itti ciinceffannu hin qabna. Haata'uu ammoo Worri dukkaanaa Yihuudotaa keessa tajaajilu, hulee ciincaan itti ciinceffamu irraa nyaatuun dhoogga'a.

11Seera Leewwotaa 16:27 Hayyichi gadootaa ka waan cubbu'uutiif dhiiga hori'ii qabatee gara hulee maraa caalaa woyyitti'ii qabatee seena. Foon horii sanniinii ganda sanii baasanii guban.

12Mat. 21:39; Yoh. 19:17 Kanaaf Yesuus ammoo dhiiga ufiitiin banii qulqulleessu'uuf karra qachatti'iitiin alatti rakkate.

1311:26; 12:2; Mat. 5:11 Eegasuu nullee salphinna inni baadhate san baadhannee qacha'aan ala gara isaa haa dhandhuu.

1411:10, 13-16; 12:22; Filph. 3:20 Nu'u qachaa biraa guddittii ta bara baraa san eegganna malee, qachaa biraa asii hin qabnu.

15Seera Leewwotaa 7:12; Kitaaba Faarfanna'aa 50:14, 23; Isaayyaasii Raatticha 57:19; Efe. 5:20 Eeganaa hennaa maraa Rabbii cincaa galataa jechuun woreega galataa ka afaan keennaa maqaa isaatii ragaa haa dhiyeessinuufii.

16Filph. 4:18; Qor. 2ffaa 9:12-13 Haata'uu ammoo waan mishaa godhuu, kaawwaniillee qooduu hin irraanfatinaa'a. Ciincaan akkanaa waan Rabbiin gammachiisuuf.

17 13:7, 24; Tas. 1ffaa 5:12; Hisqeelii Raatticha 3:17-18; 33:7 Worra isin bulchuu ajajamaa'a. Isaan baallii Rabbiin itti gaafataman waan qabaniif jabaatanii isin eeganii. Yoo isin isaanii ajajamtan, isaan waan kana gammachu'uun hojjatan; Yoo ta'uu dhabaate gadda'aati hojjatan. Kun ammoo isiniif misha'aa miti.

18 Qor. 2ffaa 1:11-12; Hu. Er. 24:16 Nuu faateffadhaa'a; waan maraanuu waan mishaa huju'uuf hawwii waan qabnuuf yaada qulqulluu akka qabnu hubanneerra.

19Keessattuu akka dafee gara keessan dhufu jabeessee isinii kadhadha.

Faatee Dhumaa

20 Isaayyaasii Raatticha 63:11; Zakkaariyaasii Raatticha 9:11; Hisqeelii Raatticha 34:23; 37:26; Yoh. 10:11-12; Phex. 1ffaa 2:25 Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa,

21Filph. 2:13; Gal. 1:5 karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isiin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.

Nagaya Dhaamuu

22 Yaq. 1:21 Obboleeyyan tiyya! Dubbii gorsaa akka obsitan isin gorsa; dubbii diqqoo tana isinii barreesseera.

23Obboleessi keenna Ximootiwoos akka mana hidha'aatii hikkame beekaa'a. Yoo inni dafee dhufe isa woliin dhufee isin arga.

24Worra isin bulchan maraa fi woyyoota maratti nagaya naa himaa'a. Worri Ixaaliyaa keessa jiran nagaya isinii dhaamaniiran.

25Mudh. Yoh. 22:21 Badhaani Rabbii isin maraa woliin haa ta'u! Amiin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help