1 Seera Keessa deebi'ii 13:1-3; Mat. 24:11; Yihu. 4 Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan.
2Rom. 2:24 Hedduun isaanii waan nama saalfachiisu waan godhaniif isaan faanaa deeman. Sababaa isaaniitiif karaan dhuga'aa arrabama.
3Xim. 1ffaa 6:3-5 Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitii ufumaa mammaaka dubbata'aati isin irraa nyaatan; murtiin isaanii duri irraa jalqabee hin turu; badiin isaaniillee hin mugu.
4 Seera Uumamaa 6:1-2; Yihu. 6 Rabbi Maaleekkota cubbuu hojjatan uduu garaa isaanii hin laafne, boolla dukkanaayaa keessatti akka murtii eeggatan dabarsee eega kenne,
53:6; Seera Uumamaa 6:1-22; 7:1-24; 8:18; Phex. 1ffaa 3:20 durillee adunyaa tanaa uduu garaa hin laafne Nohiin qajeellummaa lallabu'uuf namoota torban hambisee adunyaa cubbiitii irratti bisaan badi'ii yoo roobe,
6Seera Uumamaa 19:24-25; Yihu. 7 fakkeenna worra cubbuu hojjatu'uuf ta'anii godhee qachoota Soodoomii fi Gomoora'aa, haga isaan daaraa ta'anitti gubee jissee yoo isaanitti murteesse,
7-8Seera Uumamaa 19:1-16, 29 Looxi qajeelaan hujii hamaa isaanii guyya guyya'aan dhagaya'aa arga'aa hennaa jiraate qajeelaa kana lubbuun isaa waan dhiphata'aa turteef, qajeelaa jiruu worra hammeeyyi'iitii fi worra adaba hin qabneen ka miidhame san yoo fayyise,
9-10Qor. 1ffaa 10:13; Mudh. Yoh. 3:10 Worra Gooftaa kaddaaman ataabee jalaa baasee worra cubbamoota keessattuu, worra hawwii shinga'aa, dharraa foonii hamaa duukaa deema'aa worra Gooftummaa isaa tuffatan adaba'aa haga guyyaa murti'ii saniif attamitti akka isaan tursiisu hin beeka. Isaan kun worra uf jajaniif goota worra baallii qaban arrabsuu hin sodaanne.
11Yihu. 9 Maleekkonni Rabbii barsiisota dharaa kanniin caalaa hunnaa fi baalli yoo qabaatanillee afoo Goofta'aatitti dubbii arrabaatiin hin himatamne.
12Yihu. 10 Namoonni kun ammoo waan ufii hubatuu dadhabanii arrabsan; isaan akka bineensa bosonaa ka qalbii hin qabnee ka miira isaaniitiin badaniititti, isaanillee balleessaa ufiitiin badan.
13Yihu. 12 Isaan guyyamaan fedha ufii guuttachu'uuf waan fedhan godha'aa gammadan. Hennaa nyaataaf isin woliin waamaman isinuma jiddu'utti waan batti'ii fi fafa hojjatan.
14Isaan hennaa maraa halcha hama'aa fi ija cubbuu hujuu irraa hin deebine qaban, namoota amanta'aanii jabaatanii hin dhaabanne dogoggorsan, qalbii fedha bada'aan guuttamte qaban; isaan worra abaarame.
15Seera Laakkobsaa 22:4-35; Seera Keessa deebi'ii 23:4; Kitaaba Nahimiya'aa 13:2; Mudh. Yoh. 2:14; Yihu. 11 Karaa qajeelaa dhiisanii dogoggoran. Karaa Bala'aamii ilma Baasooriitiin deeman, inni mindaa hammeennaa jaalate.
16Seera Laakkobsaa 22:28 Haata'uu ammoo waan cubbuu isaatiif teedeffatame harreen dubbatuu hin dandeenne afaan namaa dubbattee raatticha maraatuu oolchite.
17Worri akkanaa kunniin akka burqaa bisaan gogeetii fi duumessa bubbe'een oofamuuti. Dukkana akka male'eetitu isaan eeggata.
18Isaan dubbii gara hin qabneef dubbii fedha foonii waan odeessaniif worra jireenna dogoggoraa keessa turanii reefuu baqatanii dhufan siiboo sobaa uf keessa galfatan.
19Yoh. 8:34; Rom. 6:16 Uduu ufiiyyuu garbummaa badi'ii jala jiran, worra kaaniin ammoo bilisa baatan jedha'aa abdii kennaniif, namni waan isa injifate maraafuu garbicha.
20Mat. 12:45 Beekkomsa qoricha keenna Yesuus Kiristoosiitiin haga battummaa adunya'aa jalaa bayaniin maayessa, deebi'anii qabamanii yoo mooyataman, jireenna duraa irra ka maayessaa isaanitti hammaata.
21Luq. 12:47-48; Ibr. 10:26 Karaa qajeelaa haga beekanniin maayessa ajaja woyyicha isaanii kenname san irraa duubatti deebi'uu uduu dhabaatanii isaanii woyya.
22Kitaaba Fakkeennaa 26:11 Kunillee akkuma mammaanni, «Sareen diddiga ufiititti deebiti» akkasuma, «Booyyeen dhiqamtee deebitee dhoqqe'etti gangalatti» jedhu sun isaan irratti ta'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.