Hujii Ergamootaa 17 - WAADAA LAMMATAA

Phaawuloosii Fi Sillaas Tasoloonqee Keessatti

1 Tas. 1ffaa 1:1; 2:1-2 Anfiiphoolii fi Aphooloniyaallee haga lufaniin maayii gara Tasolonqe'ee dhufan. Achi mana sagada Yihuudotaatitu jira.

218:4; Luq. 4:16 Phaawuloos akkuma barate gara isaanii seene haga Sambataa sadihiitiif isaan woliin kitaaba keessaa eera'aa hima'aa ture.

33:18; 18:5, 28; Luq. 24:26, 46 Yoo hiikullee Kiristoosiin irra rakkinni akka gayu du'aa ka'uun isaaf akka ta'u, isaan hubachiisa'aa, «Yesuusiin ani isiniif lallabu kun inni Kiristoos» jedha'aa ture.

413:43, 50; 17:12 Isaan keessaallee gariin hubatanii worri Rabbiin kaddaaman namoonni Giriikotaa dubartonni kabajjamoonnii heddu ta'an, Phaawuloosii fi Sillaasiin wol ta'an.

5 16:20; Tas. 1ffaa 2:14, 16 Yihuudonni ammoo hinaafanii namoota hujii hiikan hammeeyyii fidaniiti baniillee wolitti qabanii qachaa booressan, gara bani'ii isaan dhiyeessuu fedhanii gara mana Iyyaasoonii dhaqan.

6Hennaa arguu dhaban Iyyaasoonii fi obboleewwan gari garii gara bulchoota qachaa ufii harkisanii, «Worri adunyaa booressan kunniin, garanallee dhufaniiran.

7Luq. 23:2; Yoh. 19:12 Iyyaasoonillee mana ufiititti isaan fudhaateera; isaan maruu, ‹Mootiin biraa ka Yesuus jedhamu hin jira› jedha'aa ajaja Qeesarii morman» jedha'aa iyyan.

8Bani'ii fi bulchoonni qacha'aa hennaa waan kana dhagayan keessi isaanii booraye.

9Iyyaasoonii fi worra isaan woliin jiran wobii waamsisanii gad dhiisan.

Phaawuloosii Fi Sillaas Beeriya'atti

10Yomasan obboleewwan Phaawuloosii fi Sillaasiin halkanniin gara Beeriya'aa isaan erganiin, hennaa achi gayanillee gara mana sagada Yihuudi'ii seenan.

11Yoh. 5:39 Kunniin worra Tasoloonqee jiran irraa caalaa worra yaada misha'aa waan ta'aniif, dubbiin kun akkana ta'innaa? jedha'aa guyya guyya'aan kitaaba qorata'aati dubbii Rabbii fedha guutu'uun fudhatan.

12Kanaafuu isaan keessaa Giriikonni hedduu, dubartoonni kabajjamoonii fi dhiira laakkofsaan heddu ta'antu amanan.

1314:19; Tas. 1ffaa 2:14-16 Yihuudonni Tasolonqee jiran ammoo akka Phaawuloos Beeriya'atti akkasuma dubbii Rabbii lallabe hennaa beekan, garasillee dhufanii banii booreessan.

14Hennaa san obboleewwan yomasan Phaawuloosiin haga galaanaa akka deemu ergan. Sillaasii fi Xiimotewoosillee achitti hafan.

15Tas. 1ffaa 3:1-5 Worri Phaawuloosiin geegessan ammoo haga Ateena'aa geessaniin. Haga isaanii danda'ameen dadafanii gara isaa akka dhaqan gara, «Sillaasiitii fi Ximootewoosii ajaja qabatanii deeban.»

Phaawuloos Ateenaa Keessatti Lallabe

16Phaawuloos Ateena'atti uduu isaan eega'aaru waaqoleen tolfamaan qachaa keessa ka baayi'ataniiran argee, aaree garaan gubate.

1718:4, 19 Kanaafuu mana sagadaa Yihuudotaatii namoota Rabbiin kaddaaman woliin guyya guyya'aan worra gabayaa keessatti arge woliin dubbata'aa ture.

18Worra Efiqoroos ogeeyyota Istookoos worra jedhaman gari gariin isaan wol argan, gariin ammoo, «Kun qaaqilichi maal dubbatuu barbaada?» jedhan.

Gariin waan Oduu Nagayaa du'aa ka'uu Yesuusii waan isaanitti lallabeef, «Waan waaqolee haarawaa waan dubbatu fakkaata» jedhan.

19Isa qabanii, «Barumsi haroofni ati dubbattu kun maal akka ta'e beekuu dandeennaa? Waan haarawa waan nutti himteef.

20Eeganaa wonti kun maal akka ta'e beekuu feena» jedhanii gara hulee Ariyoosfagoos jedhamuu fidaniin.

21Namoonni Ateena'aa maruu keessummoonni achi jiraatan, dubbii haarawa dubbachu'uu fi dhagayuu malee hujii biraa waan hin qabneef.

22Phaawuloos wolgeettii Ariyoosfaagoositti isaan jidduu dhaabatee akkana jedhe, «Namoota Ateena'aa isin waa maraanuu Waaqolee tolfamaa guddiftanii akka sodaattan hin arga'aara.

23Waan kaddaamtan laala'aa yoo deemu, barreeffama ‹Waaqa hin beekkamneef› jedhullee mi'a kennaa Rabbii itti dhiyeessan argeera. Eegasuu ka uduu hin argine kaddaamtan kana kunoo ani isinitti hima.

24Isaayyaasii Raatticha 42:5; Mootota 1ffaa 8:27; Kitaaba Faarfanna'aa 50:12; Hu. Er. 7:48 Waaqa adunya'aa fi waan adunyaa keessa jiru maraa uume, inni Gooftaa ardi'ii fi sami'ii waan ta'eef, mana woyyuu ka harka namaatiin ijaarame keessa hin jiraatu.

25Inni jireennaa fi ayyaana waan maraa maraayyuu waan kennuuf, akka waan waa jalaa hanqatee, waan harki namaa hojjatetti hin fayyadamu.

26-27Seera Keessa deebi'ii 32:8 Maal laataa yoo ka qoru'uun bira gayan ta'e Rabbiin akka soqaaniif ardii maraa irra akka jiraataniif gosa ilmaan namaa maraa nama tokkicha irraa uume. Baroota murtaayeef daangaa lafaa irra jiraatanillee isaanii kenne. Haata'uu ammoo nu maraa irraa ka fagaatee miti.

28Isin keessaa worri weeddisuu beekan gari gariin akkasuma, ‹Nullee firoota isaati› jedhanii akkuma dubbatan, isaan jiraattota waan taaneef, hin sosochoona hin jiraannalle'e.

29 Isaayyaasii Raatticha 40:18-20; Hu. Er. 19:26 Eeganaa nu firoota Rabbii yoo taane, ‹Waaqa fakii worqi'ii yookiin birrii yookiin dhagaa irraa yaada ogummaa namaatiin hojjatame fakkaata› jennee yaaduu nu hin barbaachisu.

3014:16; 17:23 Eeganaa Rabbi ji'oota wollaalaan dabarse amma bakka marattuu aagii akka galan nama maraa ajaja.

3110:42; Kitaaba Faarfanna'aa 9:8; 96:13; Yoh. 5:27 Inni haaganaa waan qabeeruuf guyyaa san harka nama qopheessee saniin adunyaa irratti qajeellumma'aan murteessu'uuf ta'a. Kanaafuu worra du'e keessaa isa kaasu'uun maraa mirkaneesseera»

3224:25 Hennaa waan worra du'aa ka'uu dhagayan, gariin isatti baldan, gariin ammoo «Waan kana hennaa biraa si irraa dhageenna» jedhaniin.

33Kanaaf Phaawuloos jidduu isaaniitii baye.

34Worri dhiiraa gariin wolii galanii amanan. Isaan keessaa akkasuma Diiyaanasoos abbaa seeraa ka mana murtii Ariyoosfaagoos jiru, dubartiin Damaaris jedhamtu takkaa fi kuuwanillee isaan woliin turan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help