Ergaa Yaaqoob Erge 2 - WAADAA LAMMATAA

Nama Wol Caalchisuu Irraa Uf Eegi

1 eennullee yoo jiraate maraanuu yakkamaa ta'a.

11Seera Bawu'uu 20:13-14; Seera Keessa deebi'ii 5:17-18 Ka hin seebarin jedhe akkasuma hin ajjeessin jedheera. Uduu hin seebarrellee deebiftee yoo nama ajjeefte seera irra darbiteerta.

12Akka worra seera wolabummaa kennu afo'otti dhiyaattanii murtii argattanitti dubadha'a, hojjadhalle'e.

13Mat. 5:7; 18:23-35; 25:34-46 Ka namaan hin araaramne, murtee araara hin qabnetu isa eeggata. Araarri murtii injifata.

Amanta'aa Fi Hujii

14 1:22; Mat. 7:21; Tit. 3:8 Obboleeyyan tiyya! «Amantaa qaba» jedhee, garuu namni huji'iin hin mudhifne yoo jiraate bu'aa maal isaa qabaa? Amantaan isa fayyisuu danda'aa?

15Obboleessa yookiin obboleetiin waan uffatan yookiin waan nyaatani yoo dhaban,

16Luq. 3:11; Yoh. 1ffaa 3:17-18 Isin keessaa tokko worra waan nyaatu dhabeen nagayaan deemaa quufaa ibidda oo'ifadha'a quufaa uduu isaaniin jettanii waan nafa isaaniitiif barbaachisu yoo hin kennineef bu'aa maal isaanii qaba?

172:26; Gal. 5:6; Qor. 1ffaa 13:2 Akkasuma amantaan hujii hin qabne yoo jiraatte amantaan sun ta duute.

Ka Dhageette Hujii Irra Oolchi

18Haata'uu ammoo namni tokko, «Ati amantaa qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantaa kee huji'iin adda baasii na mudhisi; ani amantaa kiyya huji'iin si mudhisa» jedha.

19Mar. 1:24; 5:7 Rabbi akka tokko ta'e ati hin amanta. Mishaa goote jinniinillee akkasuma hin amana; hin sodaata.

20Ati nama gowwaa amantaa huji'iin addaan baye ka du'e akka ta'e beekuu feetaa?

21Seera Uumamaa 22:1-14; Ibr. 11:17 Abbaan keenna Abrahaam Yisihaaqiin ilma ufii ciinca'aaf hennaa dhiyeesse huji'iin hin qajeelaa hin taanee?

22Amantaan hujii woliin akka wol gargaara'aa ture, amanta'aan hujiin akka raawwatame argitaa?

23Seera Uumamaa 15:6; Rom. 4:3; Seenaa 2ffaa 20:7; Isaayyaasii Raatticha 41:8 Kitaabni, «Abrahaamillee Rabbitti amanee qajeellummaa ta'ee laakkawameef» ka jedhe raawwatameeti; jaalallo Rabbii jedhame.

24Yoh. 8:39 Namni amantaa calla'aan uduu hin taane huji'iin akka qajeelaa ta'e argitaniirtan.

25 Kitaaba Iyyaasu'uu 2:1-21; Ibr. 11:31 Akkasuma seebartuun Ra'aab ammoo ergamoota simattee karaa biraatiin hennaa ergite, huji'iin qajeeltuu hin taanee?

26Akkuma foon lubbuu irraa baye ka du'e ta'e, akkasuma ammoo amantaan huji'iin adda fooyame ka du'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help