Mudhata Yohaannisii 21 - WAADAA LAMMATAA

Ardii Haarawaa Fi Samii Haarawa

1 20:11; Isaayyaasii Raatticha 65:17; 66:22; Phex. 2ffaa 3:13 Ardii haarawaa fi samii haarawallee arge. Ardiin duraatii fi samiin duraa lufaniiran, galaannillee duranaa hin jiru.

2Isaayyaasii Raatticha 52:1; 61:10; Ibr. 12:22; Mudh. Yoh. 3:12 Qachaatiin woyyittiin haarofti Yeruusaalem akka idaayyaa abbaa manaatiif qandhaftee qophooftee Rabbiin biraa hennaa sami'ii buutu arge.

3Hisqeelii Raatticha 43:7; 37:27; 48:35; Seera Leewwotaa 26:11-12 Laagaan guddaan sami'ii kunoo dukkaanaan Rabbii namoota jidduu jira; «Isaan woliin bulla isaanillee banii isaa ta'an; Rabbillee inninuu isaan woliin ta'ee Waaqa isaanii ta'a.

47:17; Isaayyaasii Raatticha 25:8; 35:10; 65:19 Imimmaan ija isaan maraa irraa haqa. Duuti ammaa achi hin jiru, seerri duraanii waan lufeeruuf jedhee hennaa dubbatu dhagaye.

5 Isaayyaasii Raatticha 43:18-19 Ka teessoo ufii irra taa'e, «Kunoo, ani waan maraa haarawa godha!» jedhe; «Jechoonni kun amanama'aa fi dhugaa waan ta'aniif barreessi» naan jedhe. Raawwatameera naan jedhe.

61:8; 22:17; Isaayyaasii Raatticha 55:1 Ani Aalfa'aa fi oomeega'a, jalqabaa fi dhuma; ka dheebote burqaa jireennaa irraa akkanumaan kennaaf.

73:21; Saamu'eelii 2ffaa 7:14; Kitaaba Faarfanna'aa 89:26-27 Ka mooyate, kana dhaala; Ani Waaqa ta'aaf, innillee ilma kiyya ta'a.

822:15; Efe. 5:5 Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati.

Yeruusaalemii Haarawa

9 Mudh. Yoh. 19:7 Maleekkaa torbaa ka mijuu balaa torbaa qabatan keessaa tokko gara kiyya dhufee, «Asi koottu, Idaayyittii Hoolaa Rabbii sitti mudhisaa» naan jedhe.

10-11Isaayyaasii Raatticha 60:1-2; Hisqeelii Raatticha 4:2 Ayyaanaan gara gaara guddaa dheera'aa na fide. Hennaa qachaan guddoon woyyittiin Yeruusaalemii ulfinni Rabbii keessa jiru sami'ii Rabbiin biraa buutu natti mudhise. Ifti isi'iillee akka dhagaa guddaa ulfaata'a akka Iyaasiphiidii ta'e akka birrii qulqullayeeti.

12Seera Bawu'uu 28:21; Hisqeelii Raatticha 48:31-34 Dallawaa guddaa dheera'aaf, karra kudha lamaa qabdi. Karra isi'ii maleekkaan kudha lamaa dhaabataniiran, maqaan kudha lamaan gosa Isiraa'elii irratti barreeffameera.

13Karaa baya adu'uutiin karra sadihii mirgaan karra sadihii gara bita'aatiin karra sadihii gara dhiyaatiinillee karra sadihiititu jira.

14Efe. 2:20; Ibr. 11:10 Dalloofni qachatti'ii bu'uura kudha lamaa irratti isaan keessaallee maqaan kudha lamaan ergamtoota hoolaa Rabbii irratti barreffameera.

15 Hisqeelii Raatticha 40:3; Zakkaariyaasii Raatticha 2:1-2 Kanatti dubbate dallawaa fi karra qachatti'ii biku'uuf ulee worqi'ii qabateera.

16Hisqeelii Raatticha 48:16 Qachattiinillee kallatii afurii qabdii, dheerinnillee akkuma badhinna isi'iitti. Qachattii ulee worqi'iitiin bikkee garaan kuma kudha lamaa ta'e. Dheerinni, badhinni, ol fageenni wol qixa.

17Maleekkaan naannawa dallawaallee bikkee bikkaa namni bikkuun ciqilee dhibba tokkoo fi afurtamii afurii ta'e.

18Daloofni isi'iillee Iyaasiphiidiin irraa hojjatame, qachaatiin bilillee worqi'ii fakkaatti.

19Seera Bawu'uu 28:17-20 Bu'uurri dallawa qachaatti'ii dhagaa gatii gudda'aa maraan midhaage, bu'uurri duraa Iyaasiphiidii bu'uurri lamaffa'aa sanpeeri, bu'uurri sadaffa'aa keelqedoon, bu'uurri arfaffa'aa maraagidi, bu'uurri shanaffa'aa sardonikis.

20Bu'uurri jahaffa'aa Sardiyoon, bu'uurri torbaffa'aa Kiristiloobe, bu'uurri saddeetaffa'aa biralee, bu'uurri sagalaffa'aa worraawure'e, bu'uurri kudhanaffa'aa Kirisphirasis, bu'uurri kudha tokkoffa'aa Yaakinti, bu'uurri kudha lammaffa'aa Ametesixinos.

21Mudh. Yoh. 22:2 Karri kudha lamaanuu waan gatii gudda'aa karri martinuu waan gatii guddaa tokko irraa hojjatame. Baadaan qachattii sanii worqii bilile'ee mishaa fakkaata.

22Waandhi Gooftaan maraa bulchuu fi hoolaan mana woyyu'uu isii keessa jiran; mana woyyuu isi'ii keessatti hin argine.

2322:5; Isaayyaasii Raatticha 60:1, 19-20 Qachatti sanii waan ulfinni Rabbii isi'ii ifuuf ibsoon isi'ii hoolaa waan ta'eef, ifni adu'uutii fi addeessaa isii hin barbaachisu.

24Isaayyaasii Raatticha 60:3, 5 Worri Yihuudii hin taanellee ifa isi'ii keessa jiraatan, mootonni biyya lafaallee ulfinnaan gara isi'ii fidan.

25Isaayyaasii Raatticha 60:11; Zakkaariyaasii Raatticha 14:7 Achi halkan waan hin jirreef karri guyya'aan sirima hin cufamu.

26Worri Yihuudii hin taane, gaachennaaf ulfinna isi'ii fidan.

27Isaayyaasii Raatticha 52:1; Hisqeelii Raatticha 44:9 Worra kitaaba Hoolaa Rabbii keessatti barreeffamanii achi wonti shakkisiisaan maruu worri waan hama'aa fi soba hojjatan sirima isii keessa hin seenan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help