Ergaa Phaawuloos Gara Worra Rooma'aa Erge 11 - WAADAA LAMMATAA

Rabbi Israa'eloota Hin Ganne

1 ka hin saganne ufiif hanbifadheera»

5 jedheera.

11 irratti hin booniin.

18Yoh. 4:22 Yoo ittiin boonte ammoo, hiddatu si baata malee, ati hidda hin baattu.

19Eegasuu, «Akka ani galuuf dameen caabeera» jetta ta'a.

20Ibr. 4:2; Qor. 1ffaa 10:12 Sun dhugaa'a; isaan amanuu dhabuu isaaniitiin caban; atillee sababaa amantaa keetiitiin dhaabatteerta; sodaadhu malee, waan uf jaju'uu hin yaadin.

21Rabbi dameewwan akka dhalatanii jiranii yoo garaa hin laafne ta'e, siifillee akkasuma garaa waan hin laafneef.

22Yoh. 15:2, 4, 6; Ibr. 3:14 Eegasuu gara laafummaa Rabbiitii fi gar-jabummaa isaa laali. Gar-jabummaan isaa worra kufan irratti; arjummaa isaatiin jabaattee yoo jiraatte ammoo, arjummaan Rabbii sirra jira. Akkas yoo ta'uu dhabaate atillee akkasuma hin muramta.

2314:4; Qor. 2ffaa 3:16 Isaan amanuu dhabuu isaaniitiin jabaatanii dhaabatuu yoo baatan, deebi'anii muka keessa seenan. Rabbi deebisee isaan galchuu waan danda'uuf.

24Ati uumamaan ejersa gammojji'ii irraa muramtee akka uumama keetii uduu hin taane, yoo ejersa mishaa keessa seente, caala'aatti dameewwan uumamaan jiran, sunniin ejersa ufiititti attamitti hin galle?

Araarri Rabbii Nama Maraaf

25 Luq. 21:24; Yoh. 10:16 Obboleeyyan tiyya! worra qalbii qaban akka isinitti hin fakkaanne dhossaa kana akka beettan barbaada; haga worri Yihuudota hin taane gara worra Yihuudotaatitti guutumaan guutu'utti eda'amaniif, worri Israa'elii gariin hadoodeera.

26Isaayyaasii Raatticha 59:20-21; Kitaaba Faarfanna'aa 14:7 Akkasuma Israa'el maruu hin fayya akkuma jedhamee barreeffame,

«Qorsi Tsiyooniin irraa dhufa.

Yaaqoobiin irraa cubbuu hin balleessa.

27 Ermiyaasii Raatticha 31:33-34 Cubbuu isaaniillee hennaa isaan irraa fuudhe waadaan ani isaan woliin galu kana.

2815:8; Tas. 1ffaa 2:15-16 Karaa Oduu Nagayaatiin waan keessaniif diintota ta'aniiru. Karaa filaanno'otiin ammoo waan abbootaatiif jaalatamtoota.

29Seera Laakkobsaa 23:19; Saamu'eelii 1ffaa 15:29 Rabbi kenna'aa fi badhaadha waamsa ufiitiin hin gaabbu.

30Tit. 3:5 Isinillee dura Rabbiif akkuma hin ajajamne amma ammoo sababaa ajajamu dhabuu keessaniitiin dhiifamsa akkuma argatan,

31Akkasuma araara barattaniin isaanillee akkasuma araara akka argatan kunniinillee akkasuma amma hin ajajamne.

32Gal. 3:22; Xim. 1ffaa 2:4 Rabbi maraafuu dhiisu'uuf ajajamuu diduu isaanii jalatti, namoota maraa akka booji'aman godhe.

Galata Rabbiif Dhiyaate

33 Isaayyaasii Raatticha 45:15; 55:8; Kitaaba Iyyoobii 11:7-8 Durummaan ogummaa Rabbiitiif beekkomsi Rabbii hagam gadi fagaata! Murteen isaa ka hin qoratamne; karaan isaallee ka hin beekamne.

34 Isaayyaasii Raatticha 40:13; Ermiyaasii Raatticha 23:18; Kitaaba Iyyoobii 15:8; Qor. 1ffaa 2:16 Kitaabni Woyyuun

«Yaada Goofta'aa ka beeku eennu?

Yookiin ka isa gorsu eennu?

35 Kitaaba Iyyoobii 41:11 Yookiin ka Rabbii liqeessee liqaa san fudhatu eennu?

dura ka isatti kenne eennu?» jedha.

36 16:27; Qor. 1ffaa 8:6; Phex. 2ffaa 3:18 Maruu isarraa, isaan, isaaf waan ta'eef, bara baraan isaaf ulfinni haata'u! Amiin!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help